Tarree Makmaaksa Oromo Kan Shamarran Qofa Irratti Xiyyeeffatu.

Aadaa Oromoo keessatti Oromoon Haasaha Taasisu baayyinaan Makmaaksa Keessa makuun dubbii Mi’eeffata.

Tarree Makmaaksa Oromoo Shamarran Qofa Irratti xiyyeeffatu.

Makmaaksota Armaan Gadii Kana Kan Jalqabarra jiru Yaada Ummatarraa Funannedha. 👇👇👇

  • Intalli Garaa Laaftu,Garaa Qullaa Hin Heerumtu. (Abdu HD) Nuuf Barreesse.
    -Shamarranii fi Gaangee Alangaan Leenjisu. (Umar Mohammed) Nuuf Barreesse.
    -Waan Qalbiin yaaddu Dubartiin Qaayxi. (Obsinaan Ta Arsiit) Nuuf barreesse.
    -Dubartii fi Harreen Ulee Jaalatti (Hassan Waado) Nuuf Barreesse.
    -Cidha Dubartiin Feete Aannan Qodaa Hanqatu. (Sultan Hassoo) Nuuf barreesse.
    -Haadha Laali Intala Fuudhi (suudi Abdulatif) Nuuf Barreesse.
    -bareedduu fi Asheeta Bira Hin Kutan. (Shukran Ebrahim) Nuuf Barreesse.
    -Kan Waa Namaaf Hin Goone Mucaa kee Harma Guusi jetti. (Umar Kadir) Nuuf Barreesse. -Sagalin heerumee gaggaba dhiiraa hinqabuu jatte tan sagal Heerumtee Baate. (Abdallahi Ahmad) Nuuf barreesse.

-1, Durbaa fi jiboota garaa gogaa leenjisu.
2, ijaa laafettiin durbaa obolessaaf Ulfoofti.
3, Takkattii qayyannee taduraa hanqannee ykn takkaa Lukaa gubannee,
4, Akkumaa dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate.
5,sirbaaf Bayanii morma hin dhofatan jettee intalti waa hin saalfannee. Makmaaksa Shaman kana Nasruu Abdallaatu Nuuf Katabe

👉 Makmaaksota Asii gadii kana nuutu Kanneen Dhageenyee beeynu fi kanneen Bara kanaa jechuun Itti Dabale.

-Hardha hin jedhin malee Nutis dubra jette Harmalleen.

-Ni beeyta ni beeyta jennaan jaartiin sheekaa kitaaba dhiiyxe jedhan.

-Intala Of dhageesse Sirbi bade jedhan.

-An ofillee hin jennee Mucaan keessan kun fuudha gahee jette haftuun.

-Dubartii fi Udn xiqqoo hin qaban.

-Wajji dhalootarra wajji gangaloota wayya jette shamarri.

-Kumaatu na kajeela tokkumaatu na fuudha jette shamarri.

-shamarree Garaa laaftu, Obboleessaatu kajeela.

-Harmallaa Mana Boohichaa hin geessan ta ofii keessa boochi.

-Nan sirbaa fi harman dhoffadhaan walitti yaatu.

-Mindaa fi umrii shamarranii hin gaafatan.

👉Makmaaksa Bara kanaa 😂

-Ani duraan akkattin bareeda jette meekaappii dibattee.

-Jaalannee miti Kan akkas daddabnee Suuraa kaanuf jeette shamarran zabanaa.

-Dubrummaa ni qabnaa Afaan lama nun tahin Jette Shamarri zabanaa.

-Hedduun janajjanaa Tokkootu natti tola Jedhe shamarri Miseenjara keessa bultu.

-Ka nu jaalatu dhiifnee kan Nun jaalanneef boonye. Kunis Shamara zabanaa ilaallata.

-Sagal heerumanii sagalee dhiiraa baran jette Shamarri Bultiin barakatuuf diddee.

-Dubrummaa barbaannan qeeraa dhaqi jette shamarri Ija jabaattu.

-Feesbuukirraa na fuudhee Imotti na hiike jette shamarri Durriyyee janajjantee.

-Waan fedhan siin jedhanis ati anaaf goota jette shamarri Tiktok durriyyee Jaalattee😂

-An akkana sin seene jette Viidiyoo Waraabamtee.

-Kilooriksii Barbaadachuun ammagaa jette Ta durriyyeen Akkas goote.

Makmaaksota Beeytan Nuuf Katabuu hin dagatinaa

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment