Hayaat Tube jedhamuun Beekamti. Biyya Yaman Keessa jiraataa turte. Guyyaa Kaleessaa Addunyarraa Godaante.

Hayaat Chaaynaala Ishee kan Hayaat Tube jedhu Irratti Vediyoo baayyee dabarsuun Hawaasa Tajaajilaa turte. Viidiyoo ishee Kanneen Baayyinaan Faffaca’aa jiran keessaa,kan dhimma Masjidaa ilaalchiftee dubbattee fi Gorsa Waa’ee qadaraa fi Azalaa Irratti Dubbatteedha. Hayaat Kurnan Zulhijjaa Keessa yookaan Guyyoota Muraasa Dura Vediyoo Hojjattee turte.
Obboleettiin teenya Hayaat Biyya Yaman Keessa Maatii waliin Jiraatti turte. Akkan Haasaha Artist Kadir Martuu kanarraa Hubadhetti Balaan Tasaa Hayaat Mudate kun,Ishee Harmee ishiitif Soomana Kurna Zulhijjaa Soomanaa waan jiraniif,ishii Suhura yookaan Hiraaba Hojjatuuf,Alawaada Bakka Nyaanni Itti Hojjatamu seente Gaazni Itti Dhoohee Miidhaan Guddaan Irra Qaqqabe. Achirraa fuudhanii,Hospitaalatti Yaalarra Turte. Turtii Torbee olii booda Guyyaa Kaleessaa Addunyarraa Du’aan Boqotte. Rabbiin Badii ishii Hunda Araarameefi Jannataan Haa Qananiisu.
Du’aan Boqochuu Obboleettii teenya Hayaat ilaalchisee Artist Kadiir Martuun Gorsa Bareeda Hunda keenya fayyadu dabarsee jira. Rabbiin Wanta Tokko Hoggaa Fidu Ilmi Namaa Irraa Baratuu qaba jechuudhaan,hundi keenya Du’uuf jiraannaa Haa qophoonnuu jedhee gorsa laateera.
Artist Kadir Dargaggoota Keenya Miidiyaa Irratti Viidiyoo hojjatan,Kanneen shamarranii fi Dhiirotaafis Gorsa Kenne kanaan,Hojii babbareedaa malee Hojii Fofokkotaa Akka dhiifnee hin deemne jechuunis Gorsa Ajaa’ibaa hunda keenya fayyadu dabarseera. Egaa Ilmaan Oromoo Guutuu Addunyarra jirru Obboleettii teenyaaf Du’aaii godhaa isiniin jechaa. Waliifis dabarsuun Gorsa kanarraa Haa barannuun isiniin jedha Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia