Ana Jaalatuu dura Manaa fi Konkolaataa Qabdaa jechuun Fajriin Gaafii Maammee Tuffatte

Shamarran Keenya Baayyeen Isaanii Waan yeroon isaanii isaan jala taru hin sehan. Tapha Gabaabaa Maammee fi Fajrii kanaan,Maammeen Fajrii fuchuuf gaafannaan waan deebifteef

Tapha Gabaabaa Maammee fi Fajrii gidduu tahe kanaan Shamarri Maalif Birrii jaalatu barattan

Gaafiin Ati Maalif Hin Fuutu jettu mana Keessaa Maammeedhaaf dhihaate. Maammeenis Aaree Fajrii waliin Jiru Natti Heerumi jechuun Gaafi Jaalalaa dhiheessef. Fajriin Garuu Maammeen Akka Qabeenya qabu gaafatuun,Deebisuu eegalti. Maammeen Akka Homaa hin qabne himaaf. Jaalala Qulqulluu fi Amanamummaa Isheef Akka qabaatu himuufis,Fajriin abadan jechaa jirti.

Bara Kana Keessa Namni Maallaqa Hin qabne Shamara kajeeluun Ulfaataa tahaa dhufe. Shamarran Nama Birrii qabu malee Hiyyeessa Onnee qulqulluu qaban Osoo Waan fedhellee tahee Jaalalaan wajjiin jiraatuf fedha Akka Hin qabne deebii Fajriin Maammeef kannite kanarraa hubachuun ni dandahama.

Maammeen Gaafi Jaalalaa Fajriif dhiheesse. Fajriin Nama Manaa fi Konkolaataa qabu feeti

Ani Nama Humna qabu,kan Karoora qabuudha. Ammatti Konkolaataa fi Mana ati jettu siif hin qabu. Garuu Akka ergan sifuudhe jijjiiramu abdiin qaba jennaanis,Fajriin Tasuma Hayyamuuf hin deemtu. Ani Sababni Biyyarraa Baheef Birriifi waan taheefuu Birrii yoo hin qabaanne sitti heerumuu hin dandahu jechuun Jala murtee maammeef deebii kennite.

Maammeenis Erga Akkas tahe hangan Maallaqa argadhutti,Gaafii Mammee Maalif Hin fuutu jettu Akka Nan gaafannen isiniif hima jechuun Ummata Gaafidhaan Maammee hiraarsef yaada kennata. Walumaa galatti Taphni Maammee fi Fajrii kuni Hedduu kofalchiisaa fi Ergaa guddaas Ofkeessaa qaba. Isin Maal jettan? Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment