Shamarri Takka Gaafa Sijaalattu,Yeroo itti si qorattu siif kenniti. Yeroo kana keessatti Wantoota Ati irraa ofeeguu qabdutu jira.

Ashittiin Jaalala Afaanii Qofa Hin Barbaadu jechuun,yeroo Hamzaaf kennitee Akka Jaalalli Hamzaan Ishiif qabu dhugaa taheefi soba tahe mirkaneeffatuuf Ifatti Hamzaaf himtee yeroo kenniteefi turte. Hamzaanis Dhimmicha Kana Ofitti Amanamummaa qabaachuu isaa yoo feete Waggaa naaf kenni jechuun,Akka Ashitti Malee tan biraa Ijaan Hin Ilaalle Himeefi ture. Tahullee Kaleessa wanti addaa Tokko Tahe.
Hamzaan Shamarran Arge Hunda waliin Geema taphatuu jaalata. Intala Findigamtuu Safuufi Seera Shari’aan teenya Hayyamte Sarbuun Akkuma Ofiin feete taatu takka waliin Tapha Eegale. Taphni Isaa Kunis Jalqaba Ashitti Hin Mufachiifne ofiifuu Akka itti Koflaa Turte Himteef. Boodarra Hamzaa Miira Biraa keessa seenee Wajjiin Dhiichisu Argutti Akka Baayyee gaddite himuun,Akkamitti Na yaadatuu dhabde jettee Gaafatti. Hamzaanis Akkamittin Si dagadha Jechuun Ashittif Deebii kennuu eegala.
Ani Shamara Warqii enullee Naaf Caaltu Siin Ofduubaa qaba,Akkanumatti Waliin Taphadhe malee Dhimma Biraa Ishee waliin Qabaadhee miti jechuun,Ashittii zara Araarfatuuf Yaala. Wanti Tahe taheera. Qabxii Tokko siif galmeesseera. Kan Hafe keessaan fixanna jechuun Hamzaaf Deebii kenniti.
Dhiironni keenya Shamara Takka Yeroo jaalalaan itti dhihaattan Dhugumatti Onnerraa Jaaladhaa. Haala hunda keessatti Akka isheen isinitti Hin Mufanne taasisaan dhaamsa keenya. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia