Guyyaan Cidhaa Shamarraniif Guyyaa Addaati. Guyyaa Kana Arguuf shamarran Hawwii guddaan eeggatu.

Makii Oro Dhuma Geema Arraa kanarratti Aadde fatihaadhaf Warqii Gurraa Bituun Badhaafte. Fatihaa Haadha imimmaanii jedhamuun Namoota biratti beekamti. Fatihaan Guyyaa Geema ishee beelloo uffatuun Ummata Ajaa’iba gochuun,Sababaa beelloo uffatteef himte. Guyyaa Arraa Geema Guddaa Beellamaan taphatuuf turte. Tahullee Injifatamuun Baate. Baayyina Ummata Oromo 23k oliin daawwatamte.
Fatihaan Harmee ishee baayyee jaalatti turte. Harmeen ishee Hawwii guddaan Cidha Intala ishee Fatihaa Eeggataa Turtullee,Tan Rabbii Qabnaan,Gammachuu intala ishee Osoo hin argin Gama Fuula Rabbii deemte. Hawwiin Harmee kiyyaa Anaa Beelloo uffatee,Abbaa Warraa Kiyya Waliin Dhaabatu arguudha ture tan jette Fatihaan, Osoo Ani Hin Heerumin Waan Boqotteef Beelloo Kana Guyyaa Cidha Kiyyaa Hin Uffadhu,Har’aantanan Uffadha Jechuun Aadde Fatihaan Yaada ishee ibsatte.
Hireen Qooda Rabbiiti. Duutis murtii Rabbiiti. Guyyaan Hawwii Harmee Fatihaa Guutamee arguu dhabuu ishetti Kan Gaddite Fatihaan,Yoo Rabbi jedhee Heerumte garuu,Guyyaa Cidha ishee kana Beelloo Akka Hin Uffanne Himuun,Guyyaa Sana Uffaturra Arran Uffadhe Jechuun Yaada Ishee ibsatte. Gama Biraatin Fatihaan Akka Namoota Garii injifatamtellee Gammachuudhaan Hawaasa ishee waliin Seeqqachaa dabarsite. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia