Sagantaa Bashannansiisaa Guyyaa Yaadannoo Hacaaluu Hundeessaa Sababeeffachuun Mohammed Bin Aljaziiraan Qopheesse Kanarratti Kennaan Afeeramtee seenete. Maaltu taheree? Saadamis Waldhaansoo Seenuun Maammee ija babaasisee Koflaan Ummata Bashannanaiise.

Maammeen Afaan Arabaatin Qabaa gadi nadhiisaa jechuun Fokkoraa bule. Afaan Arabaa Kan warra Kalaamu suuqi jedhan kun nuuf galuu baatus garuu Afaan Quraanni Rabbii Ittiin Buufame waan taheef,Guutullee tahuu baattu Muraasa Hubachuun Nun Rakkifne. Qaa jennee gurra bannee Mohammed Yookaan Maammee Jedhamuun Kan Ummanni Waamu kanaaf Gurra liqeessinee dhaggeeffatuu itti fufne.
Maammee Atiin kuni Yoom fuuta jechuun Gaafiin Maammeedhaaf dhihaatuu erga jalqabee bubbuleera. Maammeen Akka Waan Uffanni Aadaa Oromoota shawaa kan Inni Uffatee,Ittiin bareedee dhufe kuni Onnachiisee tokkotti Of jajjabeessaatuma Kennaa Afeerratee,Mataa Lafaan gahee Kotaasisuuf tattaafata. Dubbiin Xiiqiis ni fakkaatti, tahullee garuu Maammee fi Kennaa Haasaha Oowwifatan,Saadam Calaw jechuun Gastii Maammee lixee,Haasahaan Jara Lafatti qabe.
Saadaam Gaafii Maammeen Oromoon Bakka Garagaraa Jiraatu,fakkeenyaaf Jimmi Shawaa fuuchuu qaba,Shawaan Harargee Arsii fi k.k.f fuchuun firooma Jabeessaa Gandummaa dhiphisuun Barbaachisaadha. Anis Kanaafin Gama Shawaa kana gadi ilaalaa jiraa Maal jettan Jechuun Kajeellaa Kennarraa qabu kanaaf gaafi Ummataaf dhiheesse. Saadaamis kana deebisuuf ture,kan Gastii Maammee lixeef.
Tahullee garuu saadaam Faallaa Gaafi Maammee goree,waldhaansoo Maammeen qabe. Ishee anaatu jaalataa,Ati Tanuma Biraa Barbaadadhu waan jettu Afaan Saadamirraa kan Dhagahe maammeen,Ija Babaasun Akka Waan Nama Qama’ee dhamahee tahe. Daranuu Kan Maammee Ija babaasise deebii kennarraa dhagaheedha. Kiw jechuun ammagaa,Jimmi Shawaa itti fakkaachun ammagaa 😂 baayyee Nama Booharsuu qofa Osoo hin tahin ergaa bareeda Ofkeessaa qaba waan taheefuu Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia