Saalim Makii Raachuu Harkaa Fuudhuf? Haati Faaxee Hamzaa Himatte

Saalim Omer Makii Natti Fuutan Malee Jechuun Manguddummaa Ergate😂 Eessatti ergate? Makii Oro Maal jettee? Haati Faaxee Hamzarraa Hafuu dadhabdee Himatte

Suuraan Haadha Faaxee,Hamzaa,Ashittii,Makii Oro,Raachuu fi Saalim Omer jedhamu

Haati Faaxee Hamzaan Sababa Ishee dhiisef yookaan Sababa Hamzaadhaaf hayyamteefii Akka Hamzaan Aadde Ahittii Irratti Jaalatu gootef,hoggaa Himtu Koflaan Garaa Nama Bilcheessiti. Ofii Hamzaa Dhaggeeffatee kofluu malee Homaa Hin dubbatu fakkaata. Tahullee Warri Haati Faaxee Itti Himatte Deebii kennaa fi jiran. Gama Biraatin obbo Saalim Omer Aadde Makfiraa Muniwar Akka Fuudhuf karoorfate hime. Makiin Nama Maqaan Qubee S irraa ka’u Mormarra Gidhachuun Shakkii Uumte.

Takka Jedhanii Lama Jedhan jedhama. Akka Obbo Saalim Omer Jedhutti Makii Oro Waliin Jinjanaarra Akka turan Hima. Tahullee Garuu Makiin Raachuun,Akka Hiriyaa Ishee gammachiisu tahe Naaf Himte Malee,Akka Dhimma Jaalalaatif Raachuu Hin Barbaadin Himte jechuun,Akka Isa Jaalattee,bultiif Barbaadduu Qabatamatti Isherraa Dhagahullee baadhu garuu Beekeera jechuun hima.

Funny Ethiopian Oromo Comedy. Saalim Omer Makii Oro Fuudhuf Gaafata. Haati Faaxee Hamzaa Himataa jirti.

Dhimma Kana Haati Faaxee Kan Obbo Saalim Itti Ergatee,Akka Dubbii fixuuf Gaafate Raachuu Malee Saalim Baadoon Baafte. Dubbiin Haadha Faaxee Dhibde Ati Moluudha. Diyaaspooraa tahuu kee waliin Akka Raachuun Makii Gammachiisetti Hin Gammachiifne jechuun,Komii Afaanif Funyaan Hin qabne Saalimirratti Dhiheessite. Kuni Komii Tahuu Hin Dandahu jechuun Afaanitti Qabaa jiran.

Haati Faaxe waan beeytu qabdi,dubbii ifatti baasurraa ofqusatteetti. Kanaan Dura Makii Oro Nama Moluu qabu Akka Hin jaalanne Dubbattullee garuu Amma Dhimmichi Dhimma Diyaaspooraati waan jettu fakkaatti. Yoo dhugaa kan tahu tahe. Obbo Saalim Omer Moluu tahullee Rifeensa Magarsaan jira Hin yaadinaa Abdii jedhu Tuttuqee dubbata. maraafuu Tiruun dhawaatuma bultuun Dhakaa Taati jedha Makmaaksi Oromo. Itti dhufnee Agarra. Kuni Tapha Tahuu hubachuun Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment