Fayidaan Qayyaa Maali? Waan agarre Hunda Hin dubbannu jette jedhan Booliti Qayyaa

Kanaan Dura Dhimma Qayyaa fi Faayidaa Qayyachuu Irratti Maxxansa Gabaabaa Asii Gadii kana Isiniif Maxxansinee turre. Guyyaa Arraa Dhimma Qayyaa Kana Ilaalchisaa Haadha Faaxee fi Obbo Asliin Waan Nubiraan gahan Qaban Viidiyoo gabaabaa Kana Asii gadii dhaggeeffadhaa.

Faayidaa Qayyaa Qayyachuu fi Akkaataa Ittiin Qayyatan Irratti Haati Faaxee Maal Jetti? Obbo Aslii Mohammed waliin Turtii Gabaabaa Taasisan.

Akkuma Viidiyoo kana Dhaggeeffattaniin Maxxansa Gadii Kana Akka Dubbiftaniifi Linkii Viidiyoo Dhimma Qayyaa Ilaallatu Facebook keenyarra maxxansinee turre Tuquun Dhaggeeffatuu dandeessu.

Makmaaksa Boolliti Qayyaa Waan Agarre hunda Hin dubbannu jette sana eenutu beeka? Fayidaan Qayyaa Maali?

Faayidaan Qayyaa Maali jechuun Gaafi Ashittiin gaafatteef Deebii Kennamedha

Linkii Gadirraa Agartan Kanaan faayidaa Qayyaa Kan Gaafatamte Obboleettiin teenya,deebii Ashuttiin gaafatteef deebii kennuun eegalti. Shamarran Qayyatuu qaban tan Heerumte qofa akkan tahin himti. Shamarran Qayyatuun Sababa Barbaachiseef Keessaa Tokko👇 Viidiyoo irraa linkii kanaan Dhaggeeffadhaa https://fb.watch/lkd1V-E3Pc/?mibextid=j8LeHn

Fayidaan Qayyaa tokkoffaa,Bara Durii keessa Shittoo fi Meekaappiileen Waan hin Jirreef shamarran Qayya qayyatuun,Abbaa Warraa Isaanitiif Urgaahan. Fayidaan Qayyaa,Qaama Isaanii Bareechuu,Lallaaffisuun,Akka Abbaa Warraa Hawwatu taasisa jetti.

Fayidaan Qayyaa Inni Lammaffaan Ammoo Shamarran Muraasni Kan Uumamaan,Dhangalaa’aan Qaama Isaanirra Bahuutu jira,Dhangala’aa san Akka Abbaan Warraa,isaanii Sababa Sanii Hin Jibbineef Akka Qoorsu taasisa jechuun deebifti.

Fayidaan Qayyaa Inni Sadaffaan Shamarri takka Yeroo Ilmoo Dahatte Jiidha Ammaaf Amma Qaama isheerratti Muldhatu qoorsuuf,maloota Aadaa Keessaa Kan Qayya Jedhamu kanatti akka Fayyadamaa turan Himuu fi Shamarri Dahatte Mudhii dhukkubufaa Akka Irraa Fayyisu himti.

Funny Aslii Fi Haadha Faaxee Dhimma Qayyaa fi Faayidaa Qayyachuu ilaalchisanii

Fayidaan Qayyaa Inni Afraffaan,Shamarri Yeroo Qorri dhahe,maloota Aadaa Kanaan Akka Qayyatanii Dhukkubbii Irraa Of ittisan dubbatti. Guutuu Haasaha Isaanii Linkii Olirra Isiniif kaahen Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment