Makii Oro fi Raachuu Kutaa 37ffaa kanaan Waan addaa agartu. Erga yeroo dheeraa Addaan Fagaatan booda dheebuu Jaalalaa Walirraa habbuuqqataa jiran.

Makii Oro Tan Qalbiin Bakka Kuma Takkatti Facaatu,Erga Nama Biraa Janajanuu eegalte bubbultee jirti. Eenyu Janajjanaa jirti kan jedhu Rabbi Haa beeku. Ofii isheetu Raachurraa Fagaate. Hoggaa Dhiira Janajjantuun Fuula walitti guurte qofa,Raachuu Barbaada Darsa facaasaa fiiydi. Yaada Komantii Isheefi Raachuu Jalaa Agarreedha.
Wanti Tahe maali? Makiin Mansuur Janajjanaa jirti,jechuudhaan Namoonni Yaada garagaraa katabanis ni jiran. Tahullee garuu Makiin xawalwaallee,qalbiin dhiira tokko waliin Jiraachuu hin dandeenyedha,jechuun Namni Giftara ishee ture tokko Mana Biraa jalatti yeroo katabu Komantii argeen Taajjabe. Isas janajjantee Dhiiftee laata shakkii jedhu nakeessatti uume.
Raachunis Ka Abidda Nyaatee Bishaan tufuudha. Dhalaa Takkaa waliin Jiraatuu Yookaan Yeroo hunda Itti fufuu hin dandahu. Yeroo Makiin Hin jirres,dhalaa Gurraattii fi diimtuun,Adii fi Daalattiin takka Isa jala dabartu. Hunda ishee Walirratti Qabee nyaatu fedha.
Akka maraafuu Kuni Tapha Malee Dhugaa miti. Namoonni Akka Horiitti yaaddan Keessaafuu,Namoonni Hojiin qabne,kanneen jaalallee Keessaan Tapha Kanatti Obsuuf Yeroo hunda Makii Raachuu jechaa ooltan,Akka Waan dhugaa tahetti Bakka Hunda Deemtanii,Raachuu Makii jechaa hin Oolinaa. Ijoolleen Tooftaa Sadaqaa ittiin nyaatan waan baratteef Akka waan wal jaalatanii fakkeessuun,Horii Biyya Ameerikaa fi Kanadaa Jiru Harakaa Birrii Nyaataa jiran. Dhugaan jirtus kanuma. Wanti Addaa tokkolleen hin jiru. Dhumatte. Duraanuu Nama Dhugaa Isinitti himu Hin jaalattanii,waan feetan naan jedhaa. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia