Jafar Tapha Hin Beeku Ashuttii Ummata Duratti Hicciticha Dhodhooseef

Ashuttiin Jaafariif Waadaa Jabaa seenteef. Jaafar Comedy Kan Jedhamuun Beekamu,Hanga Arraa Obsaan eegaa ture.

Suuraan Jaafar Comedy,Ashuttii fi Hamzaadha

Ashuttiin Waadaa Jaafariif Seenten Biyyatti Galanii Akka wal fuudhuf turan Amante. Jaafar Garuu Hanga Ammaa Obsaan Eegaa ture. Jaalala Keenya Dhandhamanna,Ilma Argachuuf Waadaa Naaf seente,sanaaf Hamma Ammaa Sin eegaa jira. Ati Ammoo Asirraa Kan Biraa Waliin Taphatta jechuun Dhossaa Jiru Livirratti diigef.

Hubadhu,Kuni Tapha. Garuu Tapha Dhugaa Dhokatte Ofkeessaa qabuudha. Hamzaan Haadha Faaxee,dhiisee Ashuttiin erga Duddibattee Gamtaa Sadaqaattii dabalamtee,Amma Torbee muraasa lakkoofsifteetti.

Ashuttiin Waada Jafar Comedy nyaatte. Amma Hamzaa Jala kutte. Jaafar Hiciticha dhodhoosee

Hamzaan Haadha Faaxee waliin Maqaan Yaamamu,Lafa Warra Harargee guutumatti Qabsiisuun,Ashuttii Akka gabbaruuf jiru,waada galeef. Ashuttiinis,Dhimmicha Dhuguma seete. Lafa Harargee dhabu,Hamzaa Hin dhabu Abdii jedhu qabdi. Arra Jaffeen,Waada koo eessa kuchiifteti,kan Asirraa Hamzaadhaan Sin jaaladha jettuuf,jechuudhaan Ashuttii Hudhee qabe.

Ashuttiin Akkam taatiree,dhugaa jirtu Ummatatti Himuun Biyya Afaan qabachiifti. Dhumarra Mee dhimmicha kana Keessaan haa goolabnuu jechuun,Jaaffeen Haasaha Karaatti Akka Muran Taasise. Taphani isaanii Ummata Baayyee hawwatuun,Haa jechisiisee,Akka Qaruuraa xajjiin irraa dhugametti Afaan Bansisiise. taphattoonni Hundi,warra Leenjii Draamaa hojjachuu qaban fakkaatti. Maraafuu Linkii Olirra jiruun Tapha isaanii Dhaggeeffadhaa Ittiin Booharaa,yaada keessanis Nuuf katabaa isiniin jenna. Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment