
Sheik Abdusalaam Kadir Nagahaan Gara Biyyaa Deebi’ee jira. Turtii Umraaf Biyya Saudi Arabia Keessatti taasiseenis,Imala Hijraa Kan Ergamaan Rabbii Nagahaa fi Rahmanni Isaanirra Haa Jiraatu Abubakar Saddiiq waliin Osoo deeman,Goda Seenan daawwatuun,Seenaa sana nu Yaadachiisee,Gorsa Bareedaas Nuuf Dabarseera. Gorsa Kanaanis Seenaa Kana Akka Yaadattaniif Malee Akka Waan Biratti Hiikkattaniif Miti jechuun gorseera.
Sheik Abdusalam Kadir Erga Umraaf Garas Imalee Nagahaan Gara Biyya Abbaa Isaa Deebi’uu Gama Fuula Feesbuukii isaatiin Ummataaf Dhaameera.
Akka Sheik Abdusalam biyyarraa Gorsa kennanitti,Biyyi Keenya Biyya Badhaatuu,Rabbiin Waan Hundaan Badhaasedha. Footoo Namni Konkolaataa Namaa Jalatti Ka’ee isin agarsiisu Birrii seetanii,Biyya Namaa deemudhaaf karatti Hin Halaakaminaa jechuunis Jajjabeessee gorsuun,Rizqiin Asuma Miila Keessan Jala Jirti Jechuun,Jabaadhaa Hojjadhaa Waan Feetan Asittuu argatuu dandeessan jechuudhaan,Garreen Baale Dinshoo jala dhaabatee Gorsa Bareedaa Dabarseera. Linkii Olirraa Agartan Kanaan Seenaa Imala Hijraa Ergamaa Rabbii(S.A.W) fi Gorsa Dinsho irraa Dabarsan Kana Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia