Magaalaa Mojoo Keessatti Taateen Kuni kan tahe. Baayyee Namootaatif Ajaa’iba tahullee Warri Hojiin Isaanii Kana tahe ammoo Gadda keessa jiru.

Abbaa Amantii Tokkoo fi Dargaggoon tokko Magaalaa Finfinnee irraa,Ganama Subiin Konkolaataa Kaafatanii,Gara Magaalaa Mojoo Imaluu Eegalan. Essatti deematan,Maalin deemtan,Maal gochuuf deemtan Jedhee Namni Oduu isaanii qoratee beeku hin jiru ture.
Itti guutamte arra jedhee,Kan Yaada Garagaraatin Dhimma Jara kanaa Kaasu Ammoo Dudda feesbuukii,Magaalaa Lukkuu Gurraattii fakkeessan. Balaan Buute maali jarana,jedhee kan dubbii kana hin hubatin,Akkuma feesbuukii isaa seenen Dachii Lukkuu Gurraacha qofa taate argee baarages numa Jira.
Kaw jechuun ammagaa!! Kaw goonaf mojoon dhufne,Nutti Guutamnaan Mataa lafatti fixnee Hawaasaan Arrabfamaa jirra Waan jedhan fakkaatan hoggaa,Mataa Lafaan gahanii,Akkawaan Miskiina Namaaf Nahu fakkaatutti ummata gidduu deeman.
Maaltu Tahe seetan! Abbaan Amantii Kunii fi dargaggeessi kuni,akkuma Finfinnee irraa Magaala Mojoo seenaniin,Magaaladhaan Marsaa erga turanii booda,Lukkuu fuudhanii Naannahaanii oolan tana Boolla Qotanii Awwaluf Osoo yaalan qabaman. Akkatuma Olirraa Agartan kanaan Qabamuu Isaanii Poolisiin Magaala Mojoo Mirkaneessuun Warra BBC Afaan Oromootif Himeera.
Iddoon Isaan Boolla Qotanii Itti Awwaluf turan ammoo,Daranuu Namoota Aarse. Naannawa Mana Baruumsa Imala Boruu Sadarkaa 2ffaatti boolla qotanii Osoo Awwaaluf Yaalan qabaman. Ajab Dubbii Warra Xonqolaa,warri jedhee Dhimmicha Kana Akka Funny tahetti irraa haasahus Lafa guute.
Ofii Lukkuu Gurraattii kana Maal Ittiin Dhamaaauf Qalanii Awwaluf turan? Jedhee kan Gaafi kana gaafatus baayyeedha. Kan deebii kennus Ni jira. Yeroo Shira wahii shiruu barbaadan,Lukkuu Gurraattii Kana Qalanii,Mana Namaa irratti darban,Mana Namaa Jala kaahan,yookaan Hulaa Namaa Jalatti darbamaa Akka ture,Namoonni Waan akkanaa kanaan dura argan Yaada kaasun dubbataa jiran.
Arra Shirri isaanii Suni Isaanumatti deebi’inna. Nama dhiba dubbiin Bara kanaa. Maal gochuu barbaadan laata? Ee magan Baguma Rabbiin Salphise. Kan Hamtuu Namatti Yaadu,Ni tura malee Guyyaa tokko Inuma Qabama. Isin Yaanni keessan maali? Maalif Lukkuun Gurraattiin Haala kanaan qalamee Awwalama jettan? Oromoon Waan akkanaa Hin Beeku warra Oromotti yaadutu,Silii fi silata gochaa akkanaa kana Oromorratti Hojjataa ture. Ammalle Namoota wanta akkanaa Kana Hojjatu Jala Hojjadhaa,Mootummaaf saaxilaan dhaamsa keenya. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia