Mucaan Feesbuukii Kennaa Utaalchise Qabame. Marii Kennaa,Numeeyri,sumayyaa fi Abdii

Shurxaa Tiktok jedhamuun Kan Beekamu Numeeyriin Erga Feesbuukii Kennaa Jalaa Fudhatee badee,Shurxaa Feesbuukii jedhamuunis Waamamaa jira. Akkamiti feesbuukii Utaalchise,

Suuraan Kennaa,Numeeri,Abdii fi Sumayyaadha

Kennaa fi Numeeyri Waldhaansoo Imala Jaalalaa Erga Waliin Eegalan Waggaa Gahuutu Dubbatama. Haa tahuu malee Akka Na Barsiisuf walitti dhihaanne malee,Jaalalaaf Miti Shakkiin jettu,erga Kennaan Numeeyriin Komatuu eegalte Namootaan Dubbatamaa ture. Tahullee dhimmi Kennaa fi Numeeyri yookaan Shurxaa Tiktok Kan jedhamuun waamamu gidduu Hariiroon Jaalalaa Akka ture,Aadde Sumayyaan Himteetti. Akkasuma Numeeyris Akka Barnootaf walitti hin dhihaatin hime. Kennaan Gama Isheetin Maalif feesbuukii Ishee Akka Hate Jabeessitee gaafatti. Dura Akkamitti itti kennite?

Kan Feesbuukii Kennaa Bute Numeeyriin Har’a Sababa isaa dhoffatee himeera.

Kennaan Rakkoo Feesbuukii isherra gahe Akka sirreessuf,yeroo waliin Nagaha qabanitti Akka itti kennite dubbatte. Numeeyriin Miseejii Namoota Biraa,Feesbuukii kennaa keessatti agarraan dallanee,Kennatti Fuula guure. Osoo Homaatuu Kennaan hin Mariyatin Gama Livii Tiktok isaatin Hiccitii Kennaafi Nama waliin Haasahanii jechuun,Ummatatti Muldhisaa Komii qabu ibsate. Dubbiin kuni Kennaa Baayyee aarsite. Achumaan feesbuukii Kennaa Akka Kennaan seenuu hin dandeenye gochuun,Bilbila cufatee bade.

Kennaan Barbaaddee,gaafattee,Namootas itti ergitee deebii dhabnaan Livii isheetin seentee komii qabdu Himatte. Hanga Arraa Kan Bade Numeeyriin,erga Torbee tokkootii Guyyaa Arraa Sumayyaadhaan Afeeramee,kennaa waliin Marii taasise. Tahullee Sababa Kennaa jalaa Feesbuukii buteef himuu dide. Dhimmichi Dhimma Hinaaffaa Jaalalaa Akka Tahe hubatame. Abdii Geetachoo Ababee Akka Keessaan dhimmicha Goolabuu qabu gaafateera. Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment