Tapha Kennaa fi Abduseen waliin Taphatan Kanaan Maal hubattu?

Sagantaa kana Waa malee miti kanin qopheessee,isiniif dhiheessef. Namoota Garii Gorsuu fi Warra Akka Biratti Yaadan Hubachiisuf,akkasuma Miidhama Dhokataa Shamarran Keenyarra gahu,kan isaan Dubbachuu dadhabanii Isaan Rakkisu Ifatti Akka Irraa Hubatuu qabdaniifi.

Suuraan Abdusee fi Kennaadha Tapha Gabaabaa Waliin Taphatan Kanarraa Wahi hubattu

Shamarree Kennaan jidduu kana Namoonni Muraasni Mufachiisaa turan. Sababuma Kanaaf Livii seenuun Hordoftoota ishee waliin Taphataa,Abdusee waliin Geema taphatuu eegalan. Dhimma Jiruuf Jireenyaa Irrattis Haasahuun Daawwattoota isaanii booharsaa Turan. Maqaa Ishee Barsiisutiin Namni Isheetti dhihaatee,hariiroo Jaalalaa Waliin Ooffatuuf Yookaan Ishee fuudhuuf Nama Fedhii qabutu ture. Namni Kun Akka Sababa Hin Taanef Mufatee,Wanta Hin taane,maqaballeessii,Obboleessa Nagahaa Irratti Oofuun,account Feesbuukii ishees jalaa fudhate bira qabdee dubbatti kennaan.

Tapha Gabaabaa Abdusee fi Kennaan Waliin Taphatan kanarraa wahi Hubattu

Abduseen Kan Yeroo baayyee qoosuun beekamu Dhimma Ishee rakkisu kanarraa Bira qabee gorsaa jira. Isheenis Namni Isheen Akka Irraa Barattuuf itti dhihaataa turte,akka Beekkumsarraa fagoo jiru dubbatuun,Akka Baratuuf Ammoo Bakkoota Garee Barnootaa keessatti Isa Afeerte himti. Tahullee garuu Mucaan isheen Komattu kun fedhii baratuu Akka Hin qabne himti. Kanarratti Abduseen kofalchiisaa Akka Suuta herumuu qabdu himaafi Jiddumattis afaan Mimmi’eeffatee janajjanuuf tattaafata. Maraafuu Dhimma Kana Video Linkiin Olirra jiruun yoo Dhaggeeffattan Sababa Kennaa Miidhaa jiru ni hubattan. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment