Seenaa Sahaabticha Zulbijaa Zeeyni yookaan Abdal Uzzaa Jedhamuu,Nashiidaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa keessatti Dhagahaa turtan. Zulbijaan Maqaan Isaa Jalqaba Abdal uzzaa ture. Seenaa Ajaa’ibaa Diinii Islaamaa Kana Keessatti galmeesse. Seenaa Isaa Kana Ustaaz Raayyaan Sagalee Isaa Qulqulluudhaan Irra Deebiin Nutti hima.

Zulbijjaan Sahaabaa Umriidhaan Xiqqaati. Osoo Amantaa Islaamaa Hin qabatin Dura Umrii isaa joollummatti,Qabeenya Guddaa argate. Yeroo Diinii Ergamaa Rabbii Isa Qaqqabutti,tole jedhee qeebalee Amantaa Islaamaa Fudhate. Tahullee Rakkoon Guddaan irra qaqqabe. Maatiin Inni keessaa dhalate warra Amantaa Islaamaa Hordofu miti. Sababa kanaa dhossee Salataa Akka ture seenaan isaa Hima. Boodarra Diinii Mi’aawaa kana Maalifin dhossa jedhee,Ifa baafate. Yeroo kanatti Maatuma isaa keessaa Tokko Qabeenya Isaa hunda irraa Fudhate. Uffatas irraa Baasuun Ari’e.
Linkii Olirraa Agartan Kanaan Nashiidaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa kan waggaa 14 caale keessaa,Ustaaz Raayyaan Irra deebidhaan,Sagalee isaa qulqulluudhan Nashiidesse. Kanaanis Namni Diinii kanaaf Aarsaa kafalaa ture,Nuhubachiisufi Kabajaa fi Tola Ooltummaa Jidduu keenyaa Maal gochuun Akka Diinii keenya Bareeffatuufi jabeeffatuu qabnu gorsuuf Akka tahe nutti hime. Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia