Ummata Islaamaa Jechuun Ummata Nagaha Jaalatu jechuudha. Dhimma Masjidaa

Walii galtee Mootummaa fi Ulamaa’ota keenya jiddutti Uumame Hordofee Haalli Ture Hundi Tasgabbii Argatuun Nagaha duritti deebi’e

Ummanni Islaamaa Ummata Nagaha Jaalatu jechuudha.

Gaafin Hawaasani Muslimtoota Ethiopia Dhimma Masjidaa Irratti gaafatan,Gaafii Sirrii tahuu amanuun Mootummaan,Hoggantoota Amantaa Waliin Marii taasisee turuun Kan Yaadatamuudha. Kanuma Hordofee Manni Maree dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Guyyaa Kaleessaa Ibsa Baase. Ibsa Ulamaa’ota islaamaatin Bahe kana Kan Dhaggeeffate,Hawaasni Muslimaa Guyyaa Arraa Bifa Nama Gammachiisun,Tasgabbahee,Jummaa salaatee,Nagahaan Gara Mana Isaatti deebi’eera.

Ummanni Muslimtootaa Ummata Nagaha Jaalatuudha Homaa Hin Yaaddahinaa.

Hubadhaa Ummanni Muslimaa Ummata Kaayyoofi Ajaja Hoggantoota Isaa Dhagahu akkasuma Hawaasa Hunda Caalaa Nagaha Jaalatu tahuun beekama. Ibsa Kaleessa Dhimma Kanaaf Bahe hordofuun,Namoonni Gariin Shakkii Mootummarraa Qaban Ibsataa Jiran. Tahullee Garuu Ummanni Muslimaa,Ummata Yeroo Hunda Of dhagahu,waldhagahuu fi Wal argee Mari’atuun Rakkoo isaa Aarsaa fedhe kafalchiisullee Furachuuf,Dandeettii fi Rabbiif Jecha Amantaa Isaa Kabajchiifatuu dandahudha. Kanaafuu,Wanta Irratti Waliif galame,Abdii Rabbiitin Hojirra Akka Oolu ni Kajeella. Kanaa Miti taanan.Ammas Yeroo kamillee Qophiidha Jechuun Namoonni Baayyeen Yaada kaasaa jiran. Hundaafuu Linkii Olirra Jiruun Gorsa Gabaabaa Kana Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

2 thoughts on “Ummata Islaamaa Jechuun Ummata Nagaha Jaalatu jechuudha. Dhimma Masjidaa”

Leave a comment