Taatee Tibbana Maqaa Magaalaa Shaggar Ijaarutin,Masjidoota diigan,kana Irratti Ummanni Dallanee,Ethiopiatti Howkara Uumee Ture.

Dura Taa’onni Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Erga Diigamuun Masjidaa Dhagahamee,Rafanii Hin beekan. Hanga Dandeettii isaanii,Qaama Dhimmi ilaallatu hundumaa Bira Deemuun,dhimmichi Akka Furmaata argatuuf gaafataa turan. Tahullee Namni dhagahu waan dhabameef,Ummanni Hiriira Bahuun Masjidni Rabbii Akka Hin diigamne,Mootummaan gochaa kanarraa Akka Dhaabatu gaafatan. Tahullee Deebiin Magaala Finfinnee keessatti Rasaasa tahe.! Kanarraa Ka’uun Ummanni Daran Dallannee Hiriiraaf of qopheessuu itti fufe.
Sochii fi mufiin Ummanni Agarsiise kun Dirqamsiisee,Mootummaan Hoggantoota Muslimaa waliin Marii Akka Taa’an Dirqee,kaleessa Marii sa’aa shanii oliif taasisanirratti Qabxiiwwan waliif galtee hedduu Raggaasisaniiru. Haala Magaala Shaggar Bareechuu fi Hawwatuun Masjidonni Akka Ijaaramuuf Haalli Mijjate. Guutuu Ibsa Kanaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia