Namni Waan Xiqqoo Argateef Rabbii Isaa Hin Galateeffanne Guddoo Barbaadu hin argatu.

Rabbii Waan Fidu Hunda Sababaf Fida. Hamtuu fi toltuunis Rabbuma Irraa Argamti. Hamtuu Nama Tuyxurraa Rabbitti Maganfataa,Gaarii Argataniif Rabbiin Shakkaruu,Amantiin Islaamaa Barsiifti. Guyyaa Arraa Dhimmi Yaaddoo Muslimtoota Ethiopia Kan Torbaanotaaf Hoowkara Uume,Marii Baldhaa Kaleessa Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallisii fi Presidentii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia sheik Haaji Ibraam Tufaa Fi Sheekkota keenya Baayyee Waliin Taasisaniin,Waliigalteen Argameera.
Qabxiiwwan Gara 19 irratti Waliif galterra Gahamuu Ibsa Guyyaa Arraa Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Baaserraa Hubatamuun Dandahameera. Wantoonni Hanqina Qabanis jiraatudha malu. Tahullee Garuu Xiqqoo Argametti Rabbii Ofii Shakkaruun Galata Galchuun Barbaachisaadha jechuun,Ustaaz Naasir Hamzaa Namoota Dhimma Masjidaa Kanaaf,Yaaddahuun Hojjataa,sagalee tahaa turan Hunda Galateeffateera. Haasaha Isaa Guutuu Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia