Dhimma Masjida Shaggaritti diigameef M/N/Oromia Obbo Shimallis Waliin Mariyatame Ibsi Boru Ganama sa’aa 4 Irrat

Diigamuu Masjidota Naannawa Magaalaa Shaggar ilaalchisee Marii Baldhaa Sa’aa Shan fudhate Har’a Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaa Waliin Taasifame

Marii Dhimma Masjidota Shaggaritti diigamee Mootummaa Naannoo oromia waliin Taasifamee fi Komii Ustaaz Sifiyaan Motummaaf

Taatee Tibbana Dhimma Diigamuu Masjidota Magaalaa Shaggar waliin walqabatee,Hoowkara Uumameef,Qaama Nageenya Mootummaa waliin Mariyatuu Kan Himu Ustaaz Sufian Ousman, Marii Taasifame Guutuu Osoo hin tahin Hamma Ofiif barbaadan qofa keessaa muranii Ummata Mufachiisan jechuun,komii isaa ibsatee,Guutuu Marii Isaanii Ummataaf Akka Maxxansan gaafateera. Qabxiiwwan Marii Gaafa sanaa Takka takkaan ibsee,deebii Mootummaan yookaan qaamni nageenya Mootummaa deebiseefis himeera.

Marii dhimma Masjidaa Obbo shimallis Abdiisaa Waliin taasifamuu fi Yaada Ustaaz Sufian Ousman Kennatan

Dhimma Maajidaa Irratti Ibsi Garagaraa Baayyinaan Bahaa Kan jiruu fi Mootummaan Gochaa Masjida diiguu kana akka dhaabuu qabu gaafatuun Daran Cimee itti fufeera. Akkasuma Guyyaa Arraa Marii Baldhaa Mootummaa Naannoo #Oromia Obbo Shimallis Abdisaa Waliin Jilli Presidentii Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Haaji Ibraahim Tufaan Durfamu marii sa’aa Shanii olii kanarratti hirmaatun waliin tahanii Dhimmicharratti Mariin Taasifamuu ibsuudhaa,Guyyaa Boruu Ibsa kennuuf Sa’aa 4 irratti beellamataniiru. linkii Olirra jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf qoodaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment