Baankiin Raammis Guyyaa Arraa Ifatti Eebbifamuun Hojii Eegale

Baankiin Raammis Guyyaa Arraa Bifa Baayyee Nama Hawwatuun Ifatti Eebbifamuun Hojii Eegalee jira.

Sirna Baniinsa Baankii Raammis

Baankiin Raammis Hayyoota Islaamaatin Kan Hundeeffame Yemmuu tahu,bakka Ulamaa’onni Keenya Gurguddaan Argamanitti,akkasuma Bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Argamutti Eebbifamuun Hojii Eegale.

Sirna Eebba Baankii Raammis Kanarratti Kan Yaada Kennate Hundeessaan Baankii Raammis Sheik Jamaal Aliyyii,Baankiin Raammis Kan Hawaasa Muslimaa Qofa Osoo Hin tane Kan Oromoo fi Sabaaf sablammoota Biyya Keenya Hundaati jechuun dubbataniiru. Baankichi Rakkoo Hawaasni Keenya Gama Diinagdeetin qabu,Waliin Taanee Furuuf Ni Hojjata kan Jedhan Sheik Jamaal Aliyyii,Baankiin Kuni Kan Hunduma Keenyaa Akka Tahe Himaniiru.

Hundeessaan Baankichaa Bu’aaf Ba’ii Hedduu keessa Dabruun Guyyaa Kana Arguu Isaatti Gammachuu Itti dhagahame ibseera. Namoota Haala Hunda Keessatti Isawaliin Rakkachaa Turan Dabalatee Namoota Maallaqarraa Hanga Yaada Gumaachutti hirmaataa Turan Hundaaf Galata qabuuf Onnerraa Galateeffateera.

Baankiin Raammis Kan Keenya Hundaati. Haa jabeessinuu Jechuudhaan Sheekkotaa fi Hayyoonni keenya Baayyeen Baankicha Utubuun Nurraa Eegama,Jechuun Yaada Garagaraa Gama Fuula Feesbuukii isaanii irratti Barreessaniiru. Kanaafuu Baankiin Raammis Baankii Keenya Tahuu Hubatuun Hundi Keenya Haa fayyadamnuu Hoggaa Isiniin Jennu Kabajaaf Jaalala isiniif qabnu waliini. Akkaataa Itti fayyadama Baankii Raammis Baldhinaan Odeeffannoo Dabalataa Funaannee Kan Isin biraan geenyu tahuu Isin Beeysisaa hammasiifuu Kanuma Nuuf Guddifadhaa waliin gahaa Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment