Sirna Awwaalcha Shahiidota Kaleessa Anawar Masjid Keessatti Wareegamanii

Torbaan Dabre Ture Ummanni Muslimaa Ifatti Mootummaadhaf Gaafii Masdida Keenya,Maqaa magaalaa Shaggar Ijaarutiin Diigaa Jirtan,dhaabaa Jechuudhaan Gaafatuu kan eegalan.

Sirna Awwaalcha Shahiidota Kaleessa Finfinnee(Addis Ababa) Masjid Anawaritti Wareegamaniif Taasifameedha.

Gaafi Masjinni Diigamuu Maalif Kaaftan Jedhee Kan Dallane Mootummaan Ethiopia Torbee Dabre Naannawa Anawar Masjid keessatti Namoota Sadii Humna Waraana Isaatin Kan Galaafatee turuun Kan Yaadatamuudha. Gaafin Hawaasni Muslima Ethiopia Dhimma Diigamuu Masjidota Waan Hin Furaminiif,Jimaata Kaleessaas Bifa Guutuu Ethiopia Jedhamuun Dandahamuun,Hiriira Balaaleffannaa Masjida Kiyya Hin diiginaa Jedhu Taasisaa Oolaniiru.

Hiriirri Bakkoota Hedduutti Taasifamus garuu Hawaasni Muslima Magaalaa Finfinnee Masjiduma Keessatti Akkuma Jummaa Salaataniin Kadhannaa fi Mootummaa Maajidota keenya Diigamaa Jiru Kana Hatattamaan Dhaabuu qaba Jedhanii Gaafi Irra deebiin dhiheessaniif.

Sirna Awwaalcha Shahiidota Kaleessa Finfinnee Anawar Masjid keessatti Wareegamanii

Kuni Kan Tahe Garuu Erga Mootummaan Ummanni Masjida kanaa Hiriira Natti Bahuu Hin Oolu sodaa jettuun Waraana Isaa Gara Masjidaa Erguun,Namni Tokko Akka Masjida keessaa Hin Baane Godheen Booda Akka Taheetu dhagahame. Waraanni Masjida Marsee jiru kun,Namoota Gaafii Masjidaa Kaasetti,Masjiduma keessatti dhukaasa Banuun Namoota Afurii Ol Lubbuun Battaluma kan Dabree fi Kaan Hospitaala Geeffamanii Yaalamaa Jiran. Sirni Awwaalcha Shahiidota Kaleessa Wareegamanii Bifa Linkii Olirraa Vediyoo keessatti Agartan Kanaan,Ummata Akka Galaanatti Dhagala’ee Bahe Kanaan Raawwateera. Ummanni Ammas Irra Deebiin,Mootummaan Saffisaan Gaafii Isaanii Akka Deebisuu qabu gaafataniiru. Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Waliifis dabarsaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment