Mootummaan Ethiopia Ummata Masjida Kiyya Hin diiginaa jedhu Humna Waraanaatin Lafatti qabaa jira. Gaafii Ummataa Kana Deebisuuf fedha qabaa laata?

Kanaan Dura Yeroo Garagaraatti Mootummaan Ethiopia Afaanin Gaafi Ummataa Ni deebifna. Ummata Ni dhaggeeffanna Jechuun Dubbataa ture. Haa tahuu malee Dhimmoota Garagaraa Irratti Ummanni Yeroo Baayyee Hiriira Bahuun Gaafi Gaafataa Turan. Garuu Akka Mootummaa Amma Biyya Bulchaa Jiruu kanatti Gaafi Seeraan Ummataaf Deebii argatte tokkollee Hanga Ammaatti Hin Agarre. Kan Biraa Haa Hafuu Mee Kan Naannoo Oromia Gaafin dhiheenyatti Erga Abiy Aangoo qabate,Hiriiraan Gaafatamtee deebii argatte tokkuma Nuuf Barreessaa?
Mootummaan Abiy Ahmed Waan Ummata Tuffatu yookaan Maal fiddan jedhu fakkaata. Akkan Fedhetti waanin fedhe godheen Waanin Hin feene dhiisa jedhee Waan murteeffate fakkaata. Gaafii Ummanni Dhimma Masjidaa ilaalchisee dhiheenya Gaafataa Jiruuf deebiin Kennamaa jiru Rasaasa tahe. Masjida Rabbii Ammallee Akkuma Diiganitti jiran. Guyyaa Arraa Magaaluma Shaggar Ganda Ajamaa Jedhamutti Maajida Maqaan Nuur jedhamutu diigame.
Hubadhaa Kuni Kan Taheef Sababa Gaafi Keessan Hin deebifnu jedhurraa ka’eefi. Garuu sheekkota keenya Waliin Mariin eegalameera jedhanii Afaanin Nu sossobuun Akkuma Ittifufetti jira. Tahullee asii Afaanin Nu sobaa Achii Masjida diigan kuni maalif tahe? Maalif Ummata Hin Dhaggeeffanne? Maraafuu Guutuu Dhimma Kanaa Sababa waliin Obbo Khaab Buttaan Waan jedhu qaba Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia