Yaa Shamarran Islaamaa Onnattuu Ajaa’ibaa Hiriira Guddaa Dhimma Masjidaa

Guyyaa Arraa Dargaggoota Muslimaatin Hiriirri Guddaan Taasifamaa oolee jira. Kan Baayyee Nama Ajaa’ibaa Shamarran Muslimaa Masjinni Rabbii Diigamee Jireenya Akkam Jiraanna Jechuun Dhaadannoo Dhageessisaa Oolan

Hiriira Guddaa Harargeetti Dhimma Diigamuu Masjidaaf Bahaniidha.

Mootummaan Keenya Osoo Jennuu Masjida keenya Jumlaadhaan Diige. Kuni Ammoo Nun Raffisu. Dhimmi Masjidaa Dhimma Kiyya. Mootummaan Qoosaa itti jiru kana Hatattamaan Dhaabuu Akka qabu gaafanna jechuudhaan Hiriirri Guddaan Gochaa Mootummaa Kan Masjida Rabbii Diiguu Kana Balaaleffatan bahamee oole. Hiriirri Nagahaa Kun Harargee Bakkoota Heddutti Yeroo ammaa Kana Taasifamaa kan jiru keessaa fudhatame

Hiriira Guddaa Balaaleffannaa Diigumsa Masjidaa

Shamarran Muslimaa Haala Baayyee Nama Hawwatuun,Hiriira kanarratti Hirmaatanii,Seeraan Gaafi qaban Mootummaa Ethiopia Kan Maqaa Magaalaa Shaggariin Masjidota Diiguu itti fufe kanaaf dhiheessaniiru. Dhaadannoo Masjinni Kiyya Lubbuu tiyya jedhuufi dhadannoowwan baayyees dhageessisaa oolaniiru. Dhaggeeffadhaa Waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment