Hiriirri Balaaleffannaa Diiggaa Masjidaa Ethiopia Bakkoota Heddutti Bahame. Kanarrattis Humni Nageenya Mootummaa Miidhaa namootarraan gahan.

Sababaa Masjida Nannawa Magaalaa Shaggaritti Diigamaa Jiruuf,Hawaasni Muslimaa Bakkoota Heddutti Hiriira Balaaleffannaa Bahaniiru. Godinoota Harargee Lamaanitti,Baayyinaan Magaalaa Harar keessatti Hiriira Guddaatu bahame. Akkasuma Dodolaa,Shaashamannee fi Baale Roobee keessatti Hiriira Guddaatu ture. Magaalaa Jimmaa Keessa Bakkoota Masjida Gargaraatti Hiriirri Mormii Ture. Hiriira Kanarrattis Namoonni Lama Rasaasa Humna Nageenya Mootummaarraa Dhukaafameen Haleelamaniiru.
Magaala Finfinnee Keessatti Ummanni Osoo Masjida Keessaa Hin Bahin Sagaleen Keenya Haa dhagahamuu jechuun Maajida Diigamaa Jiru Akka Dhaaban Maajiduma Keessaa Sagalee isaanii Dhageessisaa Turan. Tahullee garuu Humni Nageenya Mootummaa Masjidni Shamarranillee Osoo Hin Hafin Seenuudhaan Dhukaasa Bananii Lubbuu Namoota Lamaa Battalumatti Dabreera. Namoonni Miidhaman Baayyeedha. Obbo Khaab Buttaa Dhimmuma Kanarratti Abiy Ahmediif Dhaamsa Dabarseera. Guutuu Taatee Guyyaa Arraa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia