Eenyutu sobe? Dhimma Diigamuu Masjiidaa fi Deebii Mootummaa Naannoo Oromia

Diigamuu Masjidota, Manneen Amantaa Biroo Dabalatee Kanneen Dhuunfaa Ilaalchisee Mootummaan Naannoo Oromia Gama Kominikeeshinii Mootummichaatin Deebii kenneen Mariisifnee diigne jedhe.

Dhimma Masjiidotaa fi Kanneen Biroo Irratti Mootummaa Naannoo Oromia Deebii kenne.

Akka Ibsa kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromia kanatti,Sababaan Diigama Manneen Amantaa fi dhuunfaa Saamicha Lafaa kan Amantaa Dahoo Godhateetu Babaldhate,kana seeratti galchuuf Kan Hojjatamaa jiruudha jedhe. Asumatti Ammas Ijaarsi Seeraan Alaa Pilaanii Guddina Magaalichaa Akka Hin danqineef Ijaarsa seeraan Alaa Irratti Tarkaanfiin Fudhatamaa jira jedhaniiru. Saamicha Lafaatimoo saba Pilaanii Maagalaatif Jecha Ijaarsi Seeraan Alaa Diigamaa jira gaafii jettutu ibsa Isaanii Kanarraa Ka’uu dandaha.

Deebii Mootummaa Naannoo Oromia Dhimma Diigumsa Manneen Amantaa fi Dhuunfaa ilaalchisee

Mootummaan Hanna Lafaa Kana Dhaabsisuuf Hojjatamaa Jira kan Jedhu Ibsi isaanii kun,Namoonni Dantaa Siyaasa Bahachuuf Wacan Finxaaleyyii bitaaf mirgaati waan taheef jecha,Ummanni Keenya Kanaaf gurra Hin laatinaa jechuun Dubbataniiru. Gama Biraatin Mariisifnee diigne Jedhaniiru. Haa tahuu malee Presidentiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Namni Isaan Mariisise Akka Hin jirre dubbataniiru. Asirratti Mootummaa Naannoo Oromiati moo Sheek Haaji Ibraahim Tufaatu Kijibe gaafi jettu Kaasa. Deebii isaa Guutuu Vediyoo kanarraa Hubattu. Linkii gubbarra Jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment