KFO’n Diigamuu Manneen Amantaa fi Dhuunfaa Ilaalchisee Ibsa Baase

Ofumaaf Jalqaba Harka Lafa Jalaatin Lafa Kennitaniifi,seera Cabsitan. Amma Maqaa Pilaanii Magaalaatin Manneen Amantaa fi Dhuunfaa Diiguun Sirrii miti jedhe KFO’n

Ibsa KFO’n Diigamuu Masjida Dabalatee Manneen Amantaa Biroo fi dhuunfaa ilaalchisee baase

Lafti Seeraan Ala Saamamuu Nan Balaaleffadha Kan jedhe KFO’n Dhimma Diigamuu Manneen Amantaa Kan Ummata Dallansiise fi Manneen Namoota Dhuunfaa,kan sababa Diigameef Mana Maleeyyii taasise kun Seer maleessummaa Akka Tahe Ibsa Isaanii Kanaan Eeranii jiran. Ibsa KFO’n Baase Guutuu Isaa Linkii Jala Jirurraa Dhaggeeffadhaa

KFO’n Diigamuu Masjidota Dabalatee Manneen Amantaa Biroo fi Dhuunfaa ilaalchisee Ibsa Baase

KFO’n Ibsa Isaa Kana Keessatti Hawaasa Sababa Masjiida Diigameef Karaa Sirnaatin Gaafi Dhiheeffatan,Humni Nageenya Mootummaa Akka Hoowkare kaasudhaan,Namoonni Nagahaa Ajjeefamuu Ibsan. Akka Ibsa Isaanii Kanarraa Hubatamutti Mootummaan Qaama Maqaa Seera Kabajchiisutiin Ajjeechaa Raawwate kana,qoratee yookaan Qaamni Walaba tahe Qoratee seeraaf Akka dhiheessuu qabu yaadachiise. Hawaasa Muslimaa fi Warra Maatiin Jalaa Wareegameef Jajjabina Hawweera. Guutuu Ibsa KFO Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Waliifis dabarsaa. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment