Nuti Dhaloota Jiila Qabudha/JaalMarroo Haasaha Teessuma Araaraa Booda Taasise

Ajajaa Olaanaan Waraana Bilisummaa Oromo Jaalle Marroo Dirribaa (Kumsaa Dirribaa) Sirna Eebba WBO Faana Elemoo Irratti Arra Argamee Haasaha Taasise.

Jaal Marroo Dirribaa Haasaha Sirna Eebba WBO Faana Elemoo irratti Argamuun Taasise

Jaal Marroon Haasaha Ajaa’ibaa Taasise Kanaan Oromoo onnachiise. Duraan Shanee Nuun Jedhan Amma Baayyattee Kum-shantama Dabarraan Waraana Bilisummaa Oromo (WBO) jedhamneerra. Kana Caalaa Torbaanirraa Eebbisiisuu itti fufna. Oromoon Siyaasa Biyya Sanaa Baratee WBO Humna Qabu Na Barbaachisa Waan jedheef Nu ijaarratte. Nutis Hamma Kaayyoo Oromootaa Galmaan Geenyutti Waraana Guddaa Sodaatamu Tahuuf Horsiisaa jirra.

Haasaha Jaal Marroo Erga Teessuma Araaraati Arra Taasiseen Humaa shakkinaa jedhe

Dhimma Araaraa Ilaalchisee Haasaha Taasiseen Jaal Marroon,WBO Nagaha Waan Dhabeef gaara seene,waan taheefuu Nagaha Sirna Qabeessa,Bakka Nuti Barbaannutti Akkuma Amma Eegalamee ture,ammas Itti fufna. Nagaha Waan nu dhoorganiif Gaara galle malee jaalannee miti. Ummata Keenyaaf Fedhii Guutumatti Guutuun Dandahamnaan Ammas Taanan Karri keenya Banaadha jedhan. Guutuu Haasaha Isaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment