Maajida Hin Tuqinaa Biyya Keenyaaf Amantaan Hundi Ni Barbaachisa Yoni Magna

Amantaan Adaba Nama Barsiisa. Akka fakkeenyaatti shamarran Muslimaa Ilaalaa Adaba Isaan qaban. Hijaabni isaanii Bareedina isaaniti jechuun Gorsuu Kan eegale Yoonin Dhimma Masjidaa irraahis dubbateera.

Biyya Keenyaaf Amantaan Hundi Ni barbaachisa hin tuqinaa jedhee gorse Yoni Magna

Dhimma Masjida Diigamaa Jiran ilaalchisee,Maajidni Mana Rabbi Itti gabbarani. Malee Bakka Itti dhuganii Machahaani miti. Masjidni Adaba Barsiisa Malee Baalagummaa Hin Barsiisu,kanaafuu Mana Namni Rabbiin Itti Gabbaru diigdanii,Wanti Ijaaruu dabdeessan tokkolleen Akka Hin jirren,isiniif hima jechuun Dhugaa jirtu Itti himeera.

Manneen Amantaa Tuqaa hin tahu. Amantaan Hundi Biyya keenyaaf Ni barbaachisa jedhe Yoni magna

Dhugaa Dubbachuuf,Osoo Akka Amantaan Ajajutti Kan hojjannuu fi Hundinuu seera amantaan barsiisu hojirra oolchee,silaa Biyyi Keenya Eessa geesse,jechuun Yaada kan kennate yooniin,Qaama Manneen Amantaa diigu kamuu waliin akka hin dhaabanneefi Akka Hin deeggarre Jala muree hime. Waan kana Saffisaan sirreessaa jechuunis Gorseera. Yaada isaa guutuu linkii gubbarra jiruun Dhaggeeffadhaa Waliin gahaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment