Dubbiin Maajidni Ajaja Keenyaan Ala,Beekkamtii keenyaan Ala Qaamota Biyya Diiguu barbaadun diigamuu kun Tuffii Muslimtoota Ethiopia irraa qaban tahuu,Presidentiin Mana Maree dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Haaji Ibraahim Tufaan Dubbatan

Masjidni Naannawa Magaala Finfinnee Kan Amma Magaala Shaggar Jedhamuun,ijaaraa jiranitti Baayyinaan Diigamaa Jira. Wanta Kana Gaafa Jalqaba Eegalan Obsinee,Mariidhaan Rakkoo Keenya Furanna Jennee Abdiin Eegaa turre. Hanga Dandeenyutti Qaamota Dhimmi Ilaallatu Hundatti,Irra deddeebiin Lallabannee Jirra. Akkuma Beekamu Muslima Jechuun Nagaha jechuu qofa Osoo hin tahin Nuti Wardiyaa Nagaya Biyya Kanaati. Nagaha Malee Jeequmsa hin jaalannu. Garuu Qaamni Nagaha Hin jaalanne yookaan Qaamni Biyya Kana Diiguuf karoora qabu Nurraan,tarkaanfatanii Masjida Diiguu itti fufan.
Hubadhaa Wanti Amma Masjidni Diigamaa Jiruuf Waan Muslimni Nagaha jedhanii,Yoo tuqanis hin dubbatan jedhanii yaadaniif,qaamni Ofiif Amantii Hin Qabne Masjida Diiguu eegale,jechuudhaan Rakkoon Mootummaa Keessa akka jiru akeekee,Garuu Masjida Diiguu Kana Waan Tuffii Muslimtoota Ethiopia Irraa qabaniifi jechuun Dubbatan. Muslimma Balleessuu Hin dandeessan,Muslimaa Mitii Masjida Rabbii Diiguu Hin dandeessan Nuutu diigama malee jechuunis Jala muree itti himeera. Guutuu Haasaha Presdaantii Dhimmoota Islaamummaa Ethiopia Afaan Oromotti Hiikeera linkii gubbarra jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia