Diigama Maajidaa Ilaalchisee Hiriirri Balaaleffannaa Bahamuu fi Sheekkotiin Abaaruu

Gochaan Fokkotaa Ummata Islaamaa Irratti Raawwatamaa jiru,Hatattamaan Akka dhaabatu,Hiriirri Balaaleffannaa Bahame. Sheekkotiin teenya Dhimma masjida Diiguu Kanatti Akka Gaddanii fi Rabbitti Himataa jirantu dhagahame.

Maqaa Magaalaa shaggariin Masjidni diigamu sirrii miti jechuun Hiriirri Bahamuu fi Sheekkotiin Rabbitti Himataa jiraachuu

Magaalaa Shaggar Ijaarra jedhanii Maajidoota Diiguun Cimee itti fufe. Masjidota qofa miti Manneen Ummataatis Kan Garii isaanii Diigamaa jiraachuun Barame. Dhimmi Marii fi Hayyama Kominitii islaamaan Alatti Mootummaan Humnaan Dhufee,Maajidota diiguu kun Kan Dallansiifte,Muslimtoonni Ethiopia Guyyaa Arraa Hiriira Nagahaa Bakkoota Heddutti Bahan. Sodaa Ummanni Muslimaa Jummaa Booda Hiriira Baha Jedhuun kan Guutame Mootummaan,Waraana Isaa Baayyinaan Buusuun miidhaan geessise akka jirus Odeeffannoon bahaa jiru Ni addeessa.

Diigama Masjidaa ilaalchisee Hiriira Balaaleffannaa fi Sheekkotiin Rabbitti Himatuu Dhagahaa.

Iddoon Ummanni Baayyinan Itti Hiriira Bahan Magaalaa Finfinnee Naannawa Anawar Masjid akka tahe suur-Sagalee achirraa Baherraa Mirkaneeffatuun Ni dandahama. Maalif Hiriira Baatan Jechutti kan Dallane Mootummaan waraana Baayyinaan Itti buuse. Waraanichis Ummata Gaafii sirnaa gaafatutti Boombii Imimmaanessu baayyinaan Darbatuu fi Dargaggoota Muraasa Uleefi Dhukaasan Akka Miidhellee Vediyoo achirraa Baherraa Mirkaneeffanneerra. Walumaa galatti Mootummaan Ummata Injifatuu dandahu hin jiru. Kanaafuu Masjidota Seeraan ala diigamaa jiru kan Sababa Kanaa Ummanni Hiriira bahaa jiruu fi Gaafin Ummatarraa dhihaataa jiru kanaaf Mootummaan Deebii kennuu Qaba jennee amanna. Kabajamtoota Hordoftoota keenya Waliif dabarsuun Sagalee Akka Tahuu qabdan Isin yaadachiisaa, waan Nuwaliin Turtaniif Hedduu galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment