Waan hedduu obsuu dandeenya garuu kana obsuu hin dandeenyu. Ani Nabeeytan Nama Durriyyeedha. Garuu Amantiin Natti dhufnaan Namni dura duulu Ana tahuu Jala mureen isiniif hima,jechuun kan yaada jajjabaa kennate Asladdiin mohammed Kan Doktor Aslii Onnee sabaa jedhamuun miidiyaarratti waamamu,dhimma Diigamuu Masjidaa Irratti dheekkama qabu agarsiiseera.

Asliin Ofii jedhii Na dhugi jedhe dhadhaan jechuudhaan Makmaaksaan Kan Eegale Dubbii isaa,Mootummaan Ethiopia Bulchaa jiru Mootummaan Abiy Ahmed Badii gurguddaa akka hojjate dubbate. Maqaa Magaalaa Shaggar Ijaarra jedhuun Muslima Balleessuf Hojjataa Jirtan jechuun yaada isaa kan itti fufe Asliin,Mootummaan Haylasillaasee,Darguu fi Minilikis Muslima Balleessuf yaalanii dadhaban jedhee Seenaa Yaadachiisee,dhimmi Muslima Tuttuquu Mootummaa Ofwallaaltuu Ni balleesse jechuun gorse.
Asliin Yaada Isaa Itti fufee,Hundi keessan Na beeytan Ani Nama Durriyyeedha. Wanta Amantii tiyya faallessu baayyeen hojjadha. Tahullee garuu Gaafa Amantiin Natti dhuftan,Asirraa galee akkan qabsaahuu barbaachifnaan wanti na Daangessu hin jiru. Amatiin kiyya Anaaf waan hunda dursa kana beekaa jechuudhaan Akeekkachiisa Mootummaa Ethiopiatif kenneera. Kanaafuu Hatattamaan Gochaa Fokkotaa Masjida Muslimni Rabbii Ofii itti gabbaru diiguu amma eegaltan kana Akka dhaabdanis jedhee Gorseera. Guutuu Haasaha isaa Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia