Ummanni Oromoo Harargee Ummata Jaalalaa Jedhamuun Waamama. Rakkoon Sabaa Galte taanan Takkaa Duubatti jedhee hin beeku. Saba Nama Jaalatuu fi Rakkoo Sabaatif quuqamu kanaatu arra Boohaa jira. Rakkoon Harargee Maali? Maaliif Furamuu dide?

Harargeen Gaafi Dhimma Jimaa Isaanii Erga Gaafatuu eegalee bubbulee jira. Hanga Ammaa Deebisaa homaatuu hin arganne. Rakkoon Jimaa Akkamitti Mudate? Keellaa Humnaa Ol Baayyisan. Qoteebulaan Harargee Maddi Galii isaa Jimaa tahuun walnama Hin gaafachiisu. Sababa Keellaa Mootummaan Naannoo Oromia Baayyiseef Ummanni Jimaa Gurgurata dhoowwame. Hunderratti Goggogaa jira. Dhimma Jimaa Harargee Kanaaf Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Yaada kennateen,Ummanni Gaafi mirgaa gaafatuuf Hiriira Karaa Nagahaa Bahuu Akka qabu yaadachiise. Akkasuma Mubaarak Musammaa Dhimmicha Jajjabeessuun Hubachiise. Akkasumas Obbo Khaab Buttaa ( Hordofaa Mohammed ) Ummanni Mirga isaa gaafachuu Akka qabu yaadachiise.
Ummanni Jireenya Isaa Guutuu saba Isaatif Jiraate kun Sababa Jimaan Jalaa Uggurameef Rakkinarratti Kufaa jira. Rakkoon Ummata Harargee Rakkoo Hawaasa Oromo guututi. Namuu Ummata Kanaaf Sagalee Akka Tahuu qabu Isin yaadachiifna. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia