Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaan Dhumaatii Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Ilaalchisee

Guyyaa Lama Gaheera. Guyyaa Oromian Hayyoota fi Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu,Balaa Konkolaataan Dhabde. Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Dhimma Kanarratti Yaada qaba.

Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Balaa Konkolaataan Lubbuun Dabre laalchisee

Baraiiftonni Univarsitii Madda Walaabuu Kun Balaan Kan Isaan qaqqabe,Madda Walaabuu Univasty irraa Gara Kaampaasii Shaashamannee osoo Imalaa Jiran,Arsii Lixaa Keessatti Konkolaataan Gaara Olfageenya Meetira 120 caalurraa Kufuun Yoo xiqqaate Lubbuu Nama Digdamaa Galaafate. Namoota Maqaan Isaanii Beekame Linkii Haasaha Hangaasaa Ibraahim kanaa gadii argattu. Hangaasaan Dhimma Dhumaatii Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu kanarratti Yaada kennateen,Mootummaan Naannoo Oromia Hatattamaan Karaa Kana Sirreessuu Akka qabu gaafateera.

Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ibraahim Dhimma Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Ilaalchisee Yaada gabaabaa qaba.

Konkolaataa Barsiiftota feete Kana keessa Namoota Shantamaa Oltu jira ture. Barsiiftota Univasty Madda Walaabuu Dabalatee Kanneen Lubbuun Dabran battalumatti Namoota 18 Akka tahan Namoonni Afgaafii Aadde Masarat Dhaabaa Waliin taasisan Dubbatanii,Namoota Miidhaman Baadhatanii Karaatti Akka Olbaasan dubbatan. Ergasii Gariin Isaanii Yaalarra Osoo jiran Akka Lubbuun Dabarte Gabaasaaleen Garagaraa Addeessu.

Barsiiftota Keessaan Maqaan Namoota Beekamanii Kanneen Asii gadii kana.

Namoota hanga ammaa lubbuun darban!

1.Dr.Kafalow Tasammaa

2.Dr.Dassaaleny

Dr.Shifarraa Balaachoo

Dr.Antene,

B/sa lyoob shifarra,

yebegashet Alamaayoo,

Endaalkaachoo Girmaa,

Awwal sa’id,

Sulxaan Muhaammad,

Fooziyaa Abdujabbaar,

Abdulmaalik Rashlid,

Tasfaayee Maammoo,

Abdii Huseen Abdii Baalee

Tasfaayee Hordofaa,

Medaanit Tarreessaa,

Talilaa laggasee,

Aberaash shifarraaw,

barsiisota barnoota ol aanoo 15 Walii galatti hanga ammatti lubbuun barsiisoota 19 darbeera, kanneen hafan yaala hospitaala dodolaa, Naggeellee Arsii fi hawaasatti Akka Yaalamaa Jiran Adde Masarat dhaabaa Dubbatti. Kabajamtoota fi Jaalatamtoota Hordoftoota keenya Dhimma Barsiiftota keenya Lubbuun Dabranii Kana Akkamitti Laaltan? Yaada keessan Nuuf Katabaa Waliifis dabarsuun Ummata keenya biraan Nuuf gahaa Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment