Shaggar Masjiida Rabbii Diiydu Gonkumaa Hin Hayyamnu jechuun Komii Guddaa dhiheeffataa kan Jiru Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Maal jedhan?

Erga Shaggar Ijaarra jedhanii Hojii eegalanii Hanga Ammaatti Masjiidonni Afur Akka diigame kan himu Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim, dhimmi Maqaa shaggar Dahoo godhatanii Masjiida Diigan Kun sirrii Akka hin taane fi Hatattamaan Furmaata Argatuu Akka qabu gorsa. Akka Obbo Hangaasaan Jechaa jirutti President Waliigala Muslimtoota Ethiopia Obbo Hajii Ibrahim Xalayaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo oromiatif akka barreesse hima. Haa tahuu malee Hanga ammaatti Naannoo Oromia Irraa Deebii Waan dhabeef jecha,Gama Mumicha Ministeera Ethiopia Dr Abiy Ahmed Akka barreessee jiru himuun,Dhimmichi Hatattamaan Furamuu Akka qabu gaafata.
Mootummaa Naannoo oromia dabalatee Kanneen Akka Bulchiinsota Shagga Bulchaniif Tajaajila kennantu kana Raawwataa jira kan jedhu Hangaasaan,Jarri Hundi Bakka Biraatti Lafa Saamaa turan jechuudhaan Akka Ragaa Qabus dubbata. Sababn Isaan Masjiida Diiganiif Akka Kiristaanota yookaan Warra Amantaa Biraa Hordofan Gammachiisuf Osoo Hin taane,Amantiin Wal nu shakkisiisee Tokkummaa Oromo Diigufi jechuunis yaada kennata.
Komii Namoota garii Kan dhaggeeffate Hangaasaan,Sababni Inni Paarlaamaa keessatti Gaafi Akkanaa Hin gaafatiniif Carraa dhaburraa kan ka’e Akka tahe himuun,Gaafi Baayyee Osoo qabuu,Muraasa Kanneen Akka Fuula feesbuukii isaatin liivii seenee Dubbatu na taasiseera jedha. Haasaha Dhimma Masjiida diigame ilaalchisee taasise kan Linkiin Olirraa Muldhatu kana dhageeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia