Shamarree Mucaa Filattee Koflaa bulte Ethiopian Funny Oromoo Entertainment Jaalallee

Eda Halkan Guutuu Koflaa bulte. Namoonni Baayyeen Ittiin Qoosaa turan. Yeroo mucaan Isheen Filatte Hello Bareedduu koo jedheen Isheen Koflaan Biyya Garaa Bilcheessite. Sababni Maali?

Jaalallee Filattee Koflaa bulte Funny Ethiopian Oromo Entertainment

Sagantaa Ibsaan dhiheessu Kan Namoonni Baayyeen Ittiin Booharaa Jiran kanaan,Shamarreen Takka Carraa Argattetti fayyadamuun Dargaggoota Ishee duran Filatamuuf seenan,filatuudhaaf seente. Mucaa Jaalattes filatte. Taphni Jinjanaa Harargee fi Arsii giddutti Taphatamuu eegale. Yeroo Mucaan Bareedduukoo jedhee Waamu,Mucattiin Hanga Dandeessu Koflaan Dachii Baqeeysite. Jinniitu Si qirqirsamoo Maalif Kofalataan Gaafi Ibsaan Gaafatuudha. Isheen Gaafin Gaafatame kunuu Kofla Itti oowwisee,Daranuu Koflaan Dachee Azoorte. Ee Yaa kofla ishee. Sababni Ishee kofalchiisu lama tahuu dabdaha jedhan.

Shamarree Oromo Jaalallee Filattee Koflaa Bulte. Funny Ethiopian Oromo Comedy Entertainment

Wanti Akkas ishee kofalchiisu yeroo Mucaa filatte kana ilaaltu,Mucaan Ija guutuu dide. Itti xiqqaate. Yeroo inni Bareedduukoo jedheen Kofla keessaa fuuti. Lammaffaan Jaalallee Biroo qabdi taha. Jaalalleen Ishee Yoo tasa Daawwattoota keessa jiraatee waa barreesse,Kana Ilaaltee Kofluu dandeessi. Haa tahuu malee Namoonni Dubbii kana Hin Hubanne fakkaatti. Intalli Yeroo jalqabaaf dhiiraan haasahaa jirtii dhiisaa jedha gariin,Gariimmoo Lakkii Dubrummaa qabdii jedhaniis Mana Kofalchiisaa Turan. Walumaa galatti Wanta kifalchiise Hin Barre. Sodaa Livii tahuus ni dandaha. Maraafuu Linkii Olirra Jiru kanaan Guutuu Tapha Isheefi Kan Biroo Daawwadhaa. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment