Obbo Taayyee Dendea Barreeffama Barreesse fi Rakkoo Ummata Oromo Harargee Saba Jimaa Mudate

Ministeerri Nageenyaa Obbo Taayyee Dendea Aredo Namoota Maqaa Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallisiin Hogganamu Dahoo Godhachuun Kaan Faarsee Kaan Arrabsuuf Deebii kenne. Akkasuma Dhimma Yaaddoo Nageenya Oromia ilaalchisee Yaada Barreesse fi Dhimma Rakkoo Hawaasa keenya Harargee sababa Keellaan Baayyateef Jimaa Gurguratuu dhabanii Beelaaf Saaxilaman ilaalchisee Wanta qabannee dhufneedha.

Sababaa Jimaa Hawaasni Oromo Harargee Rakkoo Mudatee fi Barreeffama Obbo Taayyee Dendea

Hawaasni Oromo Harargee Jiruuf jireenyi isaa Harki baayyeen Jimaa waliin kan walqabatuudha. Ji’oota Muraasa Dura Sababaa Keellaan Baayyateef Qoteebulaan Oromo Rakkina bahachuuf Jimaa Gurguratuu dadhabee,Mootummaa Fedraalaa fi Naannootti iyyatee ture. Mootummaan turraan Hiriira Bahuuf beellamatee ture. Mootummaan Fedraalaa Rakkinichi Akka Hiikamuu qabu xalayaa barreesse. Haa tahuu malee Mootummaa Naannoo Oromia Hanga Ammaa Rakkoo Hawaasichaa Osoo hin hiikin waan tureef jecha,Hawaasni Oromo Harargee Beelaaf saaxilamuu dandahe.

Barreeffama Obbo Taayyee fi Sababaa Jimaa Rakkina Hawaasa Oromo Harargee Mudataa jiru

Yeroo Ammaa Kana Bakkoota heddutti Sababa Jimaan Hin guguraminiif Ummanni keenya Beelaheera. Jimaan Qoteebulaa Oromoo Iddoo irratti badeera. Kan Muramee magaalaaf deeme bakka baayyetti Mootummaan qabamee Guggubateera. Kanaaf jecha Mootummaan Rakkoo kana Saffisaan hiiku Akka qabu Jajjabeessee gaafataa jira. Waamichi Oromoof taasifamaa jiru Ummata Keenya Harargeef Sagalee haa taanu kan jedhu Ijoo miidiyaa Hawaasummaa tahuun Hafarfamaa jira. Hawaasa keenya Harargeetif Sagalee haa taanuun dhaamsa keenya. Waan Nuwaliin Turtaniif Hedduu galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment