Namni Kaarruu Qabu Maalif Jaalatama? Funny Ethiopian Oromoo Entertainment Jaalallee

Sagantaa Jaalallee Livii Irratti filatuu kan Ibsaan Qooheessu kanarratti,Yeroo baayyee Namni Kaarruu qabu Saffisaan filama. Sababni isaa maali? Kaarruun Bareedina qofa dabaltimoo dhimmi biraas jira?

Sagantaa Jaalallee Filatuu Funny Ethiopian Oromo Entertainment Nama Kaarruu Maalif Jaalattu?

Akka Namoonni Tokko tokko Yaada kaasanitti Shamarris tahee Dhiirri Kaarruu qabu Jaalatama namoota Biratti saffisaan argata jedhama. Kaarruun Wanta Bareedina Namaa Dabalu keessaa tokkodha. kanaaf Namoonni Nama Kaarruu qabu saffisaan filata yookaan Jaalata jedhu Namoonni Muraasni. Keessa beeytinni Tokko tokko Akka jedhanitti Namni Kaarruu qabu oowwaadha jechuun Yaada kennatu. Oowwina Namoota kaarruu qabanii Harkaan qabatee laalemoo tan jettu gaafii biraati. Tahulle Oowwa yookaan Fedhii Baayyinaan qaban jechuun Namoota yaada kaasan Baayyinaan Argeera.

Namni Kaarruu qabu Maalif Dafee filama? Jaalallee Funny Ethiopian Oromo Entertainment

Maaltu Oowwisa tan jettu Wanti ifatti beekamu hin jiru. Maraafuu kuni Yaada namootaati malee wanta qorannoon mirkanaahe miti. Isin Yaanni keessan dhimma kanarratti maal fakkaata? Tapha Sagantaa Jaalallee Filatuu kanaan Namoota Kaarruu qaban Baayyee keessummeessuun Isiniif dhiheessuun keenya ni yaadatama. Akka carraa tahee Arras Namoota Lama Kan Nama Lamaa filatan agarre. Lachuu Kaarruu qaban. Kanaaf yaada kana dhiheessine. Isinis yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment