Finfinneen Tan Oromooti sabbaraa/Yoni Maanyaa

Kanaan dura Hanga takka Irra qabaa kan turee fi Finfinneen Tan lafa Oromoo Akka taate Kan Dubbataa ture Yoonii maanyaa Har’a Dhugaa jirtu dhodhoosee Dhimma Finfinnee Himeefi jira.

Yoni Magna Dhimma Finfinnee fi kan biraa irratti

Jaalattanis Jibbitanis Magaalaan Finfinnee Abbummaanis Lafummaanis Kan Oromooti. Miniliktu Ijaare kan jettan Minilik Magaalaa Duraan jirtu Ijaare taha malee Lafti Fi Magaalan Kan Oromoo Akka tahe Dhugaa kana liqimsaa jechuun,Haqa Oromoo dubbate. Oromoon Ummata Kabaja qabu fi Ummata Jaalalaa Waan tahaniif jecha Magaalaa tiyya keessaa bahaa jedhee Hin gaafanne. Oromoon Magaalli Finfinnee Magaala Guddoo Ethiopia Akka tahe Nuuf Mirkaneessuun Faayidaa Xiqqoo Finfinnee Irraa Argachuu qabu gaafate. Kuni Ammoo Dhugaa Haalamuu hin qabneedha. Kanaafuu Oromoon Faayidaa Addaa Finfinnee irraa argatuu qabu Dirqama Argatuu Akka Qabu himeef.

Finfinneen Kan Oromooti Yooni maanyaa Dhugaa Himeef

Gama biraatin Magaalaa Finfinnee kan Naannoo Amaara Namoonni gochuuf yaalan warra Mataan hin hojjanne Akka tahan himuudhaan,Ummati Aktivistoota Amaaraati jedhan Hundi Akka Haasidummaa guddaan guutaman hima. Yaada isaa itti fufuun Yooni Maanyaan Ethiopiatti Walqixxummaa dhugaa hanga Mirkaneessinutti,Akkasuma Namoota Olaantummaa Saba tokkootif Qabsoofna jechuun Ethiopia Jeeqaa jiran Hanga Qulqulleessinuti Qabsoo Dimokraasiif goonu itti fufna jechuun Dubbate.

Kanaan Booda Ethiopia Hundaaf taatu malee tan Afaan Saba Tokkoo ukkaamsitee Afaan Saba Tokkoonqofaan buluu feetu Hin jiraattu Jechuun Dhugaa Ummattoota Ethiopia Himee warra Haqa dabsaniif Akeekkachiisa kenne. Akkasuma Yooni Maanyaan Alaabaan Lummuxii Ummata Ethiopia Akka Bakkan buune Dubbatuun Kanaan Booda Alaabaa Lummuxii Akka hin fayyadamne Dubbate. Sababa Hin fayyadamneef Dubbii Addaa himuun Namoota Baayyee Ajaa’ibsiise. Guutuu haasaha Yooni maanyaa Linkii Olirra jirurraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment