Fuulli Makii oro fi Abdusee Fuula Sadaqaa Hin Fakkaatuu?

Makii Oro fi Abduseen Osuma Geema Tiktok taphatan Dubbii wahii dubbatuu eegalan. Dhimmichis Dhimma sadaqaa kadhatuu irratti xiyyeeffata.

Fuulli Maakii Oro fi Fuulli Abdusee sarbia Fuula Sadaqaa kadhatu hin fakkaatu

Namoota Geema Tiktok irraa taphatan Barri Itti bare fakkaata. Namuma Geema taphatu hundaan Ilmaan Kadhattootaa,Sadaqa kadhattuu jechuudhaan Namoonni Komantii Barreessuu baayyisan. Kanarratti Makii Oro fi Abduseen Osoo waliin Taphataa jiran dhimma Sadaqaa kana dubbatan. Anaafi Ati sababni Namni Giiftii Nuuf kennuu dhiisef fuulli keenya Fuula Sadaqaa hin fakkaatu jechuun Abduseen Makitti dubbata. Dhugaa jette Ani Namoota Giiftii Namaaf kennan Baayyeen beeka. Garuu Giiftii Naaf hin kennan. Deemanii Nama Biraatif kennan jechuun Komii ibsataa,sababni Giiftii kennuufii dhiisaniif Ammoo Sababa Fuulli ishii fuula Sadaqaa Kadhatu hin fakkaanneef akka tahe Makiin Himti. Haatahuu Malee Wanti Isaan Kana dubbataniif Dhimma Biraati fakkaata

Fuulli Makii Oro fi Fuulli Abdusee Fuula Sadaqaa kadhatu hin fakkaatu Tapha gabaabaa

Aadaan Geema sababeeffatanii Namoonni Sadaqaa kadhatuu tun Oromoo Tiktok fayyadamaa jiran Biratti Babaldhataa dhufe. Wanta kana Yeroo ammaa Oromoon Baayyeen Komii kaasuun,Namni keenya Aadaa kadhaatin hin beekamu waan taheef Namoota Maqaa geemaatin kadhatanii Aadaa Oromoo balleessaa jiran kana Dhaabaisuu qabna jechuun,Namoonni Aqlii qaban Dhimma Kanarratti Hojjatuu eegalan. Kanarraa kan ka’e jechi Namoota geema taphataniin “kadhattuu„ jechuun Komantii Jalatti barreefamu Kun Baayyataa dhufeera. Kanuma ilaalchisee dhimma kadhaa kanarratti Kan Abduseen Qoosuun Maaloo Naaf kennaa jedhee Akkaataa itti Sadaqaa biyya keessaa kadhatamu Agarsiisee Ummataa fi Makii Oro akka Koflan taasise. Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment