Harmee YKN Haadha jechuun Siif Maali? Guyyaa Haadhaa Beeytuu?

====>> Haadha <====

Guyyaa Haadhaa Jedhamuun Kan May 14 Akka Addunyaatti Kabajamu kana beeytuu?

Harmee yookaan ====>> Haadha <====
-Yeroo Tokko Osuman Deemun Viidiyoo tokko arge. Viidiyoo Kanaan Maaltu Maal tahe seetan?Jawwee tokkootu Ilmoo Hamtuutaa takka Qabee Liqimsuuf jedha. Haati Ilmoo san dahattee Guddisaa jirtu,Ilmoo too Sirraa Hin dheessu jechuun Jawwee kana Gama Duubaatin Irratti Utaalti. Jawwichis Gama Duuba Isaa Hoggaa Mildhatu,Hamtuuta Ilmoo sanirra Guddoo tahuu hubate. Ilmoo Afaanin Gahatee ture darbeetu Gama Haadhaa Utaale. Bofti Kun Akkamitti Akka Harkaa Baatetti waan aare fakkaata. Gama Haadha Hantuutaa kana loohuu akkuma eegaleen,Haati Hamtuutichaas Daftee fiigdee Ilmoo Garaa Bofaa jala jirtu fuutee Lubbuu ishee baraarte. Dhugaa Kana Hanga Argitutti Hin Amantu taha. Garuu Gaafa agarte,Hoggasuma Maalummaa Haadhaa Hubatta.

-Hubadhu Hamtuuti Bahaa’ima Afaan Hin beeyne,Tan qalbii Hin qabneedha. Tahullee garuu Haati Hammam Ilmoof Haga Dhimmamtu Nama Hubachiisa. Haati Ilmoo Namaahoo Hangam Takka siif dhimmamti? Hangam Takka Laffaatee si guddifatti? Meeqaatu Ofii Agabee Ilmoo quubsatee bula? Meeqaatu Si guddifatuuf jecha Aduu keessa miila qullaa Deema? Meeqaatu Si guddifatuuf jecha fuula Namaa Dhaabbata? Meeqaatu Si Jiraachisuuf Lubbuu ofii Dhaba? Haati Ilmoo Ofiitif Waan Hin taane tokkollee hin qabdu. Tan Si Guddisuuf jecha Of gurgurtulleen tuulaadha.

Walumaa galatti Guyyaan Haadhaaf Jecha Waggaatti Yeroo takka qofa kennamu Sirrii miti jedheen Amana. Haadhaaf Waggaan Guutuun Yoo kenname Itti xiqqaata Malee Ittin Guddatu.

Namni Haadha Qabdu Haadha Tantee Kaddamadhu. Jaalala Isheen siif qabaachaa turte daran Jaaladhuu,Akka Jaalattu itti himi. Tasuma Haadha tantee Hin Aarsin. Yoo Haati tantee Aara Qabaattellee Kokkofalchiisi Gammachiisi. Haati Tantee Yoomuu siin dhaadatti. Ilmootoo jettee Siin boonti. Akka ati Bakka Guddaa geessuf Yeroo hunda Yaaddoftee cinqatti. Tasuma Si dhabuu hin feetu. Osoo ati Lubbuun Jirtuu Si dura du’uudha Hawwiti. Hanga Haati Tantee Si Jaalattu Namni Sijaalatu hin jiru.

Yoo Haati Tantee Akiramtee Jiraatte Du’aa’ii Godhiif. Sadaqaa Isheef Niyyadhuu Rakkataadhaaf Raabsi. Akka Rabbiin kee Araaramuuf Rabbii kee Deddeebisii kadhadhuuf.
Osoo Isheen Lubbuun Jirtuus Du’aa’ii Godhiif.

Galanni Haadhaa Yoomillee Hin dhumatu.
Haadha Teenya Lubbuun Jirtu Karaa Isaa keessatti Umrii Nuuf Haa dheeressu.
Tan Gama Fuula Rabbii Deemte,Rabbiin Ija Rahmataatin Nuuf Haa ilaalu. Aamiin

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment