Shamara Dila kana keessaa Takka Dhabe? Jaabuu React

Sagantaan Jaalallee Filatuu Kan Ibsaan Qopheessu Akkuma Itti fufetti jira. Har’a Dabareen kan Jaabuu React yookaan Jabir Husen ture. Jaabuun shamarran Baayyee Afgaafii taphaa yookaan qoosaa gochuun Namoota Kofalchiisuun beekama.

Dabreen Jaalallee Filatuu Kan Jaabuu react ture

Jaabuun Dhalataa Baalee fi amma kan jiraatu UK hoggaa tahu Sagantaa Ibsaan Qopheessu kan Livii Irratti shamarran Jaalallee Filatuu yookaan dhiirri jaalallee shamarranii filatuu kanarratti dhihaatuun Akka Shamarran Filatuu qabu Ibsaan Ajaje. Ajaja ibsaa dhagahuun shamarran Darsa waliin tumaa Gastii irratti olyaate. Jaabuun Marsaa duraa shamarran seenan hundumaa takkalleen naaf hin taatu jechuun Carraa Biraa manaaf kennan. Ammagaa kiw jechuun. Shamarran marsaa jalqabaa hunda harcaasan.

Qophii Funny Sagantaa Jaalallee Filatuu Kanaan Jaabuun Osoo hin Milkaahin Hafe

Marsaa Lammaaffaas akkasuma Seenanii Mana dhiphisan Tahullee garuu Jaabuun Ammas Takkallee Osoo hin Filatin Tuffatee Umrii fi Bakka dhalootaa gaafatuu eegale. Ibsaanis Wallagga qofa jechuu Hin dandeessu seera Manaa eegi jechuun Jaabuu Akeekkachiise. Marsaa kanalle hin filanne. Marsaa Sadaffaa irratti tan seente Gurrattii Magaala Ijatti toltu takka. Sababa Networkii ishee hojjatuu dideef malee Jaabuu Likkii galchitee oolte. Maraafuu sagantaa Bashannasiisaa kana Dhageeffadhaa Ittiin booharaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #Unitedoromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment