Kana Beeytuu? Yeroo Garii Bilbili Keenya Diina Keenya / Caffee Raammis

Itti fayyadama Social media wallaaluun Nama keenya Rakkaa jira jechuun gorsa Kan eegale obbo Caffee Raammis(Ali Ali) dhimma Namoota Maqaa Oromootin Afaan Oromo dubbataa jechoota Safuu keessa daangaa dabran dubbataa jiran,Akkasuma Namoota Wallaala keessa Bilbila isaatin of saaxilaniif Gorsa Laateera.

Obbo Caffee Raammis Dhimma Fayyadama Bilbilaa fi Intarneeta ilaalchisee Gorsa Kenneedha.

Namoonni Gariin Mana Keessan jira jechuudhaan Dhokatee Intarneeta Osoo fayyadamu Qaama qullaa taa’uu dandaha. Kuni Ammoo Osoo Inni hin beeyne Balaadhaaf Isa saaxiluu Akka dandahu Hubachuu dhabuu irraa Akka tahe Obbo Caffeen tuttuqa. Yeroo Intarneeta fayyadamtan Akkuma Nama Yeroo Ummata keessa jiruu tahuu qabdan. Sababnis Maaltu Akka Bilbila keessan keessatti Hidhamee jiru Hin beeytan waan taheef.

Intarneeta Irratti Jaalallee qabaachuu dandeessa. Isaawaliin/Ishee waliin Vediyoo haasahuu dandeessan. Yeroo kanatti Qaamni Sadaffaan gidduu keessan jiraachuu Akka dandahu Isin hin beeytan. Osoo Linkiilee garagaraa Bantanii Ilaaltan Humni tahe wahii Bilbila keessan kana hatee isinii waliin fayyadamuu dandaha. Yeroo Bilbila keessan Hatan Ammoo Appilikeeshinii isin hin agarre Bilbila keessan keessatti Buusuun Akka Yeroo Hunda Vediyoo isin waraabuu dandahu godhee,yeroo isin Qullaa keessan Viidiyoo Bantanii wantoota garii hojjattan Isin waraabuu dandahu. Kuni Ammoo Boodarra Isin saaxiluuf Akka dandahu Isin yaadachiisuufi kanneen biroo Obbo Caffeen Dubbatee gorsa kennaa jira.

Yeroo garii Bilbili Nuti Fayyadamnu Diina keenya tahuu Akka dandahu gorsa obbo Caffeen

Obbo Caffeen Osoo Dhimma Namoota Safuu wallaalee Intarneeta irraa Waan hin taane haasu kanaaf gorsa kennuuti kan dhimma Bilbili keenya diina keenya tahuu kana kaasuun yaada kennataa jiru. Namoonni Dhimma Kana Hin beeyne baayyeedha. Kanaafuu Waliif dabarsuun Akka Barsiiftan Abdiin qaba. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment