Artist Galaanaa Gaaromsaa Fi Artist Shukrii Jemaal Oromo Music

Guyyaa Arraa Sirboota Lama Kan Hedduu Nama hawwatan fi Ergaa Cimaa Ofkeessaa qabantu bahee,Oromoo Qaama sossoosaa jira. Sirboonni Lachuu Akeeka Walirraa Fagoo hin taanen kan hojjatame fakkaata. Lachuu Imimmaan Qoorsuu irratti Xiyyeeffata. Kan Artist Shukrii Jemaal Baase Waadaa Hin diigu,Homaa Hin Yaadina Jechuun Akka Jaalalleen Hin boonye Jajjabeessa. Kan Galaanaa Gaaromsaa Dhimma Sabaa kan ilaallatu yemmuu tahu,Arriin Baate Araara Akka Dabsine gorsee Dhimma Rakkina Ummata Keenyaa Kan Sababa Waraanaa Daadarkaahee boohu kana Araarri Akka Imimmaan Sabaa kana qoorsuu dandahu tuttuqee Akeeka.

Artist Galaanaa Gaaromsaa fi Artist Shukrii Jemaal Oromo Music

Namni Waan fedhe Haa Odeessuu,Jaalalan siif qabu hin xiqqeessu. Sumaaf Na dhawatti Qalbiinii,Yaa Habiibtii Narraan fagaatin. Hoggayyuu Ani Siifin Aadaa,kennaa Rabbii koo ati Anaaf qooda jechuun sagalee isaa tan Soora Qalbii Dubraa dardaraa taate saniin,Jaalalloota Lamaan Shakiin gidduu isaanitti Uumamee,Osoo Wal jaalatan Addaan faffagaatuu eegalan,Akka walitti Dhihaatanii Imimmaan walirraa qoorsan Sirba Waadaa Jedhu kanaan Kan Gaafate Artist shukriin

New Oromo Music Galaanaa Gaaromsaa and Artst Shukrii Jamal Ethiopian Oromo music

Asiin Booda Orma Akkan Laalle,Jaalala keen homtuu sin madaalleeee.. hangan Jiru Lubbuun Addunyaarraa,Siifan Kenna Yeroo kankoo maraa An siif seene kana Waadaa,Jaalalaanan Jiraachuu Barbaadaa. Hin Fagaannu Anaafsii gargarii,Jaalalaan Jiraanna Arraaf Borii. Waadaa kee balleessu Ani Barii,Wajjiin jiraannaa Hin Baanu gargarii jechuun Abdiin Akka Jiru Jaalalleesaaf Himee Homaafu Akka isarraa hin yaaddofne Abdachiise. Kanaanis Imimmaan Ishee Akka Qooru yookaan Imimmaan Waadaa Jaalalleeshee Akka Qooru Jajjabeessuu isaati. Linkii barreeffama kana Oliin Suuraan Artist Shukrii Muldhatu Kan Vision Entertainment maxxansedha isarraa Sirba Shukrii dhaggeeffadhaa.

Waadaa New Oromo Music Artist Shukrii Jamal Ethiopian Oromo Music

Artist Glanaa Gaaromsaa Sirba Edaanuu Jedhu Kan Guyyoota Dura Dhufaa Jira jechuun Maxxansee ture Har’a Nuuf Dhiheesseera. Artist Galaana Sirboota Aadaa Oromootin Miidhagee Dhiheessu kanaan Jaalatama Ummata Isaa biraa Kan Argate yemmuu tahu,Sirbi Isaa Kan “Edaanuu„ Jedhu kun Sirnoota Dabraniif warra Amuummatuuf,Hin Manaabinaa Jechuun Gorsa kan laatu fi Jechoota Dhokataa Baayyee Namootaaf Hiikaan Hin galleen Akka Ajaa’ibaatti Irraa Bookkisee Ummataan Jajamaa jira. Linkiin Jala Kanarraa Agartan Youtube Channel Artist Gelaanaa Gaaromsaa Irraa kan Asirratti Maxxanedha. Shakkii Tokko Malee Dhaggeeffadhaa. Walaloo isaa Hamma Tokko Jala Sirbichaatii Dubbisaa.

Duraanuu New Oromo Music Galaanaa Gaaromsaa Ethiopian Oromo Music

Sirba Isaa Kana Keessatti Walaloo Ajaa’ibaa Fi Sagalee Isaa Kiloolee saniin Kan Ummata Hawwate Artist Galaanaan, Yoom Dadhabne Karaan dheerateef,Yoo Dabellee Lafeen Meelatee xannachi Yoom Tiruu Dhuunfate jechuun Warra Humni arrabarratti galteef dhaam. Ololaniif takkaan Hirminee Kanaaf Higoof Cigoon Sirbinee jechuudhaan Onnee Hawwattoota isaa qaa gochaa Kan warra Jibba Oromootin Machaahee ammoo Bakka lamatti addaan facaasa. Diinni kee Diina kooti sobeeti si Naalchaa,Abbaatu Waldhaannata Capha Cinaachaa jechuudhanis Oromoon Tokko Akka tahe eerudhaan Rakkina Harmee Oromia Boochisu kana waliin Waltaanee Imimmaan irraa Qoorsuu Akka Qabnu gorsa.

Itti fufuunis Artist Galaanaa Gaaromsaa Dafqa koo Xiruurseen fidee,Hin fedhu waan Ormaa Didee jechuun Oromoon Kan Isaa Malee Kan Namaa Akka hin tuqne himee, Bar Uleen Dafkanoo Toltuu,Sirni Gaafasii Sichi sin bituu jechuudhanis Kana Booda Warra Humnaan Saamee Ummata Miidhaa Bulchaa ture,Kanneen Sirna Duriitin Bulchuu hawwii qaban Sodaatun Akka hin jirre Oromoof Himee Abdachiise.

Mee ilaalaa Waan jedhu fakkaata Galaanaan walaloo isaa kanaan Nuti Ni Ijaarra Jennaa Jarri Riqicha Diiga. Ajaa’iba Rabbii Kanaa Sirni Gaafasii duubatti fiiga waan jedhu fakkaata Galoon. Xannachi Hin Beektu waan Hidda dhiigaa Nuti Oluu yaana Jarri Ammoo Gadi Fiiga jedhee Warra Sirna Durii san hawwu akkaataa isaanii Sirba isaa kanaan Tuttuqee nutti hima. Nutti Himuu qofaa miti Akkana jechuunis itti hima. Riqicha Diigaan Galaana Hin Ceetuu, godaannisa koos Madaa hin seetu jechuun Safuu dhabuu isaanii Hoggaa himu Taatee Kaleessa Nurraan gahan kana Tasuma Waan yaadatan hin fedhanii ammas akkasitti Isin bulchina yaada jedhu qaban jechuu isaati. Kanaafuu jechuun Oromoo hoggaa gorsu Inni Isin nyaate Nuufuu Guggufaa Bor Nu ciniinuuf har’a Nu suufa jechuun Oromoon Kana Beekee Of Ijaaruu akka qabu,Tokkummaa Ofii Jabeeffatuu akka qabu waan gorsu fakkaata.

Waa malee miti kanan dila kana haasahu akka waan jedhutti Artist Galaanaan Sirbicha hoggaa itti fufu,Ushururuu jedheen dadhabee,kurursa Way Garaan Raffisuu Afuuffaan Madaa Hin Fayyisu Jechuunis Obsinee Waan hedduu irra tarreefi Dadhabne Amma Soba Osoon taane Kan Dadhabame Seeratti galchuuf Humni Harka Nu jira waan taheefuu Sossobaa Dhiisaa Hojjadhaa waan jedhu fakkaata. Itti fufuunis Galaanaan Finxaal Wacaa Waraana Labsuu Haqa koorraa Namuu Nan Maqsu, Nuti Haqa Qabna Kanaaf Dubbannaa Isaan garuu Araara Osoo hinbtaane Waraana Labsan jechuu isaati fakkaatti. Haa waraana labsanii Araara Jibbanillee malee Nuti Ammoo Haqa qabna Kanaaf Tokkummaa Keenya Jabeessuuf Araaraf Mariyanna Akka waan jechuu barbaadee, Arriin Baate Araara dabsu jechuunis Araarri Taa’amaa Jiru Kan Haqaa Akka Tahuu fi Kan wal qixxummaa Qabu Akka tahu Gaafatuu isaati. Diinni kee Diina Kooti jechuunis Akka Sobee Wal Nu dhoorkuu fedhu akeekee Diinni kee diina kooti sobee si Naalchaa Abbaatu Waldhaannata Capha Cinaachaa jedhee Oromoon Tokkoomuun Diina Isaa Qolatee Oromiarraa imimmaan qoorsuu Akka qabu hima. Hubachiisa waan fakkaatus Edaanu Wanni Miidhama keenyaa Miidhaga keenya jechuun Sababa Qabeenya keenyaa,Lafa keenyaa Akka Nu Miidhaa turanis sirba kana keessatti irra deddeebiin tuttuqa. Walumaa galatti sirbi Galaanaa Gaaromsaa Hiikaa Guddaa hammana jennee ibsuu hin dandeenye Kan Ofkeessaa qabuudha. Dhaqaa dhaggeeffadhaa. Hubadhaa Nuti Wanta Nutti fakkaaten ibsuuf yaalle malee sirbi isaa Akkana Jennee Hiika Qabatama Galaanaan itti fedheen Hiikaa Hin jirru. Hundaafuu Hubattan jennee abdanna Yoo isinitti tole Like sheeri godhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

One thought on “Artist Galaanaa Gaaromsaa Fi Artist Shukrii Jemaal Oromo Music”

Leave a comment