Rabbiin Ajaa’iba Qaba. Uumaa Isaa Akkuma Fedhetti Uummata. Nama Rabbiin Uumamaan Walfakkeessee Uume Kanaan Dura Argaa turre. Shamarreen Arra Qophii Sagantaa Filannoo Jaalallee kan Ibsaan Qopheessurratti Muldhatte tuni Akkaataan Haasahaa fi Seeqa ishee Artist Saalihaa Saamii Fakkaatti jechuun Namoonni Baayyeen,saganticha hordofaa turan Ajaa’ibsiifataa turan. Shamrreen tuni Dhalattuu Iluu Abbaa Booraa Akka taatefi Haadhaf Abbaan ishee Harargee Akka taate Himti.

Shamarreen Tuni Carraa Akka Jaalallee filattuuf argatte kanaan dhiirota Shanii olkeessaa Mucaa Ilkaan Kaarruu,Diimaa Mataan Gaaxaa tokko Filatte. Akkaataan Isaan Itti wal janajjanan Daawwattoota Hawwate. Garii isaanii Baayyee kofalchiisaa ture. Gama Biraatin Sagantaa Jaalallee Filatuu kana Shamarran Sadiitu carraa filatuu argate. Dhira keessa Tokko qofatu Filannoo Kanaaf Hirmaatee Shamarran Baayyee Godaa gadi yaase, tahullee Takkuma Filate. Mucaan Rifeensi shurrubbaa tahuu waliin Bifti diimaa tahuun Daranuu Shamarran Garaa raase. Tan Osoo Jaarsa Qabduu Hirmaatetu jira jechuun Namoonni Kimantii katabanis ni jiran. Maraafuu Sagantaan Baayyee Kofalchiisaadha. Linkii gadirra jiru kanarraa daawwadhaa.
Egaa Video shamarree Saalihaa Saamii Fakkaattu San Daawwattanii Wantoota Saaliha Ishee fakkeessu Akka Nuuf katabdan Abdii qabna. Akkasuma Qophiin Filannaa Jaalallee Kunis Akka Isin Biiharse Abdachaa Waan Hamma Ammaa Nuwaliin turtaniif baayyee galatoomaa Ulfaadhaa isiniin jenna. Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia