Sababa Tiktokif Jaartiin Tumtee Borsaa Alatti Baaftef/Caffee Raammis

Irra Baayyeen Oromoo Tiktok fayyadamtuu Maalif Akka Fayyadaman Hin Beekan. Gariin keenya Arrabsoo Ilaalaa Yeroo keenya gubna. Gariin keenya Ammoo Namoota Geema Taphatan Daawwataa oollee Bu’aa Malee Taptap gochuun Qubbeen keenya Iitessee Baana. Gariin Keenya Ammoo Maallaqa Baankii Qabnu Baafnee Giiftii Bituun Warra Geema Taphatan kanaaf kennaa oolleet Booda Quba Of Nyaanna. Taatee Ajaa’ibaa takkaatu tahe Obbo Caffeen Dubbii Ajaa’ibaa Fidee dhufe.

Obbo Caffee Raammis TAtee Tibbana Ameerikaatti Nama Sababa Tiktok Bultii Jallise hime

Namoonni Keenya Baayyeen Geema Taphatan. Keessaafuu Yeroo Geema Beellamaa jedhamuun Ummata Kakakaasanii Taphatan,Namoonni Gariin dhugaa sehan. Sababa kanarraa kan Ka’e Jidduu Kana Namni Wahii Maallaqa Guddaa Tiktok irratti Akka Kasaare Obbo Caffeen Hima. Maaltu Mudate? Namichi Waan Hojjatee Baankii keessaa qabu Guutuu Warra Geema Taphatu kanaaf Keessaa Biteeni Baankii duwwise. Sababa Kanarraa Ka’een Jaartiin Waldhaban. Ameerikaatti Shamaraatu Aangoo qaba waan taheef Borsaa Namichaa Ala buusan. Obbo Caffeen dhimmi kuni Yaachisaa tahuu Hubatuun Dhimmicha Irraa Jajjabeessee dubbataara.

Sababaa Giiftii Tiktok Kennaa Ooluf Jaartin Manaa Ariite Obbo Caffee Raammis Gorsa Ajaa’ibaa

Video obbo Caffeen Dhimma Kana Keessatti dubbate kana Salphiftanii Hin Ilaalinaa. Taatee Walfakkaataa gurbaa Waan Ji’a Jaha dalagate Guutuu Tiktok Irratti Warra Geema Tohatuuf kennee Ji’a Tokko dhukkubsatees Obbo Caffeen Himuudhaan Dhimma Kana Oromoon Itti dammaquu Akka qabdu Jajjabeessee dhaame. Namni Miidiyaa Itti fayyadamuu qaba malee Miidiyaan Sitti fayyadamuu Akka Hin qabne gorse. Linkii Olirra Jiruun Guutuu Haasaha Obbo Caffee Raammis(Ali Ali) dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment