Maadaamiin Ishee Ijoollee dhiiraa Itti ergitee Gudeechisaa jirti.

Akkuma Beekamu Shamarran Keenya Keessattuu Shamarran Oromo Biyya Arabaa deemuun Jireenya Isaanii fi Maatii isaanii Jijjiiraa jiraachuun beekamaadha. Haatahuu Malee Dabree Dabree Miidhaan Garagaraa Shamarran keenya Mudatuun Rakkina Hamaadhaaf saaxilaa Jiraachuun Shakkii miti. Taateen Obboleettii teenya Tanarra Gahe Ammoo Dhugumatti Garaa Nama Nyaatuu qofa osoo Hin taane Gargaarsa Hatattamaa barbaaddi. Maaltu Mudate?

Intala Oromo Biyya Dubai keessa jiraattu Rakkoon Addaa Qunnamuu Boochee Himataa jirti.

Obboleettiin teenya Tuni Gargaarsa Hatattamaa Akka barbaaddu Boochee Himataa Jirti. Akkuma Nama Kamuu Hojjattee Jireenya ofii Jijjiiruuf Biyyarraa baatee,Biyya Arabaa Keessa Mana Arabaa Hojjatti. Kan Jiraatti Dubai Abudabi Akka tahee fi Yeroo Ammaa Kana Rakkoon Akka Ishee mudatte Vediyoo gadirraa Agartan Kanaan Himataa Jirti. Akka Isheen Jettutti,Maadaamiin Isheen Bira Hojjattu Bakka Biraa Jiraatti. Ijoolleen Maadaamii Bakka isheen Hojjattu Jiraatti. Ijoolleen Maadamii Tunneen Fedhii isheetin Maletti Akka Itti Ida’aman Boochee Himatti

Obboleettii Teenya Mana Maadaamii Keessatti Rakkinni Mudatee Boohaa Jirti.

Yeroo Isheen Maadaamii Isheetti Rakkoo Kana Himattu,Maadaamiin Ishee Kiniinii Bittee Akka Hin Ulfoofnef Kennuufi qofa Osoo Hin tahin Ati Duraanuu Dhiira Barbaada Biyyaa Baate jechuun Doorsifti. Akka Oduudhaan dhageessetti Intalli Ishee dura Mana Arabaa Kana Hojjataa Turtellen Rakkoo walfakkaataaf Akka Saaxilamtee Ulfoote himuudhaan Anis Rakkinni Kuni Narra Gaha Jedheen Sodaadhee,Ijoolleen Maadamii Mana fincaanii hundatti Natti seenaa jirti Maaloo Na dhaqqabaa jechuun Iyyataa jirti. Maaloo Oromo Biyya Dubai Jiraatan Biraan Gahaa Gargaarsa Hatattamaa Barbaaddi. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment