Fatihaa Mujaahid Haadha Kilooriksii jedhamuu beekamti.

Sagantaa Ibsaan Qopheessu Kan Shamarri fi Dargaggoonni Filannoo Jaalallee Irratti gaggeessan Kanarratti Tan Hirmaatun,Dhiirota filatte Fatihaa Mujaahid fi Simboo Jedhaman. Filannoof Dhiirota Dhihaatan Kudhanii ol keessaa Jarri Lachuu Nama qalbiin isaanii feetu hin arganne. Kan Fatihaan Dhiira Hundarraa Jaalalli qaba jedhanii Namoonni Itti qoosan,Arra Dubbiin Adda tahe uumamee biyyi koflaan dhume.

Aadde Fatihaa,Ibsaa fi Simboo jedhaman

Aadde Fatihaan Ye Fiqir Innaat Jedhamuunis Namootaan Waamamti. Sababnis Yeroo Baayyee Sababaa Jaalala Ishee Imimmaan Jaalalaa Gurguddaa Akka Rooba Hancabbii qabuu kana Harcaasuun Namoota Baayyeef Ijoo dubbii taatee,Namoonni Baayyeen Suuraa Fi Suur-Sagale ishee Deddeemaanii Turan. Yeroo tokko Sababa Jaalalaa,Akka Guutuu Oromootti Yeroo Jalqabaatif Kilooreksii Dhuguun,Rabbiin Lubbuu hanbise. Ergasii Fatihaaan Dhiirota Baayyee biratti Goota Jaalalaaf jecha Kilooreksii habbuuqxe jedhamuun Qoosaadhaan Dabaalan.

Aadde Fatihaan Haati Jaalalaa Tuni Arra Taarikii hojjatte. Mana Ibsaa Kan Sagantaan Jaalallee Filatuu Irratti qophaahu kana seenuun Dhiirota Filatuuf carroomte. Carraa Kanatti Fayyadamtee Dhiirota Baayyee Seenanii,Hirmaatan Ilaaltee qoosaa garagaraatin Yookaan Qoosaa Tuffii Fakkaatun Bishaanitti Laaqxee dhiifte. Kuni Namoota Baayyetti Ajaa’iba tahuun,Fatihaan Duraanuu Jaalalaaf Osoo Hin Tahin Taphaaf boochi Jedhamuunis Komatamte.

Tapha Shamarreen Jaalallee Filatte kanaan Fatihaan Dhiirota Bishaan Obaafte/Qoostee dabarsite.

Seensa Vediyoo kanaa booda Kan Jalqaba Carraa Filatuu Argatte shamarree Simboo Yookaan Tigist jedhamtuudha. Isheenis Dhiirota Baayyee seenan Keessaa Waan Filattu Wallallte Afaan qabattee teesse. Namoonni Ishee waan filattu dhabdee Rakkattu Tana Arge Koflaan Kafarra Fiigaa turan. Isheetti Aanseeti Fatihaan Kan carraa Filatuu argatte. Hundumaa Linkii Olirra Jiru Kanaan Dhaggeeffadhaa Ittiin Bashannanaa Yaada keessanis Nuuf Katabaa Isiniin jenna. Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment