Yeroo Baayyee Namoonni Makii Oro Livii Irratti arganii Heerumi,Ati Jaarsa Qabdaa? Maalif Hin Heerumneefi kan biroo gaafatuun Rakkisuu Makiin Himti. Kaayyoon ishee dheeraa fi Ammatti Jaarsa Akka Hin Barbaanne dubbatti. Tapha Gabaabaa Abdusee fi Aslii Waliin Taphatte kana Akkuma Goolabdeen Gaafii Namoonni Komantii Jalatti Barreessaniif deebii kennuu eegalti

Makiin Namoota Ishee faarsu Galateeffataa Namootaa Dhimma Yaaddoo Heeruma Ishee qaban,kanneen Ati Maalif Hin Heerumne jedhee gaafatutti Ija baafti. Gaafii Akkanaa Tasuma dhagahuu Hin feetu. Livii Kanarratti Isin Warri Gaafii Jaarsaa Na Gaafattan kunneen ofiif fuutanii ykn Heerumtanii Jechuun Ummata Gaafatti. Mirkaneeffatuufis akka Namoonni eeyyeen heerumne jedhan Lakkoofsa Tokko kataban Ajajji. Ummanni Bultii Qabatan Baayyinaan Eeyyeen jechuun Lakkoofsa tokko barreessuun,Mana Ishee Lakkoofsa 1 guutan.
Makiin Ammas Jara Kana Ajaa’iba gochaatuma Akkas taanan Isin warri Na Hordofu Hundi yookaan Walakkaa ol Warra Maatii qabu jechuudhaan Gaafataa, hayyee Rabbi Ilmoo isiniif haa kennu jechuun Ummataaf Du’aaii godhaa, Mee Namoonni Ilmaan qabdan hoo Lakkoofsa tokko katabaa jechuun Gaafatuu eegalti. Oromoon Ishee daawwattu Akkuma Gaafatamaniin Katabaniif. Hayyee Rabbiin Isiniif Haa guddisuu Garuu Dhimma Kiyya Keessa Hin seeninaa Jechuun Ummata Akeekkachiifti.
Ani Kaayyoon Qaba. Kaayyoon Kiyya Hangan Waa hunda sirreeffadhuu Heerumuu miti. Kanaafuu Gaafii Akkanaa kana Lammada Nan gaafatinaa,Jaarsi Ammaa Kuni Yeroo Nama Fuudhe akkuma fedhu Nama Godha jechuun komii ibsataa Ummataaf deebii deebifti. Hundaafuu Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia