Jaalallee Online Irratti Filattaa? Sagantaa Koflaafi Taphaa

Sagantaa Livii Irratti Jaalallee Filatuu Kanaan Namoonni Baayyeen Akka Booharaa Jiran Hubachuu Dandeenyeerra. Qopheessaan Sagantaa Jaalallee Yookaan Namoota Sitti Agarsiisan Keessaa Nama Sitti Tole Filatuu Akka dandeessan Kana Kan Qooheesse Ibsaa Jedhama. IBsaan Yeroo Baayyee qoosuudhaan Kan Beekamu yemmuu tahu, Sagantaa Kanaan Dubraaf Dardara Gama Livii isaa Afeeruun keessaa Filachiisa.

Ibsaan Kan Wal jaalachiisuf Afeeru kana

Sagantaa Kanaan Shamarree Takka Yookaan Dargaggoo Tokko Gama Liivii isaa Afeeruun Ulaagaalee Guuttachuu qaban gaafata. Dhiira Yoo tahe Shamara Akkam feeta fi Gaafiwwan Eenyummaa isaa Ibsan Gaafatuun Shamarran Baayyee Afeeree keessaa Filachiisa. Yoo Shamara Taates Akkasuma Gaafi Gaafatamu kan Gariin Gaafii Isaa Nama kofalchiisan Gaafata. Ergasii Fedhiin Shamarran Oromoo Maal Akka Tahe Baruuf Dhiira Akkam Akka Feetu Gaafata. Haa tahuu malee Fedhii Shamaraa Yookaan Nama Akkam Akka Feetu Arguufi Hin dandahu. Akkaataa fedhii ishee hordofeen Dhiironni Ulaagaa Isheen Gaafatte Guutuu Dandeessan yookaan Qabdan Seenaa jechuun Akka Seenanii Filattu Taasisa. Sagantaa Kanaan Shamara Takka Tan Dhiira Barbaaddufi dhiira tokko Kan Shamara Barbaadu Afeere. Intalli Takka Boodarra Jalaa Miliqutti Baayyee Gaddee Mucaa Isheen filatte Shamarran Biraa Akka Filatan Taasise. Kanaanis Ummanni Baayyee Boohare.

Sagantaa Filannoo Jaalallee Livii Irratti Filatan.

Ibsaan Namoota Carraan Walitti Hanbise Akka Wal Janajjanan Gaafata. Isaanis Wal Janajjanuun Ummata Booharsaa,Kanneen Janajjanaa Kanarratti Haalaan Janajjanan Carraa Daawwattoota isaaf kennee Abbaan Irra Janajane eenyu Akka Tahe Ibsatan. Walumaa Galatti Sagantaan Kuni Akka Tapha Taheefi Boohartii qofaaf Qophaahe Ummata Hubachiisa. Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment