Jara Joottaniif Hangaasaa Ibraahim Likki isaani Himeef

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Gama Fuula Feesbuukii Isaatin Livii seenee,Namoota Faallaa Tokkummaa Oromo deemaa jiranii fi Kanneen Ergamni isaanii Maal Akka tahe Hubatuun Nama dhiburratti Yaada Kannateen Dubbii Jajjabduu Itti roobseera.

Miseensa Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ibraahim Dhimma Marii Araara WBO fi Mootummaa

Obbo Hangaasaan Mariin Kun Marii Oromo Gidduutti Godhamaa Jiru Tahuu fi Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromo Kumsaa Dirribaa Yookaan Jaal Marroon Nama Kutataa Waan Itti Amane Hanga dhumaatti Hojjatee Ummata Isaa Biraa Jaalala Horate,Akkasuma Goota Onnee Sibiilaa Kan Ija Barbadaa Tahuu isaa Ragaa Bahuudhaan,Nutilleen Akka Irratti Olollu Nu taasisan Jechuun Ceephuu buufatee Jabina WBO Himuun Tokkummaa Oromo Jabaachuu Akka Qabullee Irra Deddeebiin dubbate.

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Kanaan Dura Namni Isa Caalaa ABO WBO Irratti Duulaa Ture Akka Hin Jirre Himuudhaan Sababaan Irratti Duulef Fedhii Paartii Tokkof Akka Tahellee dubbata. Gama Biraatin Obbo Hangaasaan WBO Jechuun Waraana Oromo Kan Oromoof jecha Barootaaf Laffa’aa Ture tahuu dubbatuun Dhimma Araaraa kanas Hedduu Itti Gammadee Akka Jiru hima.

Hangaasaa Ahmed Ibrahim Dhimma Marii Araaraa Irratti Yaada Kennateen Joottanii Gorseera.

Obbo Hangaasaan Gaafi Dhiheenya Komii Kaafte Tan Dabballoonni Mootummaa of fakkeessun Gaafi Dhimma Waliin Oromia Bulchuu Irratti Yaada Kennataniin Akka Hedduu Dallane himee Kuni Waan Atakaaroo Uumuu qabu miti jechuudhaan, Oromia Waliin Bulchuuf Aangoo Qoodachuuf Gaafatuun WBO sirriidha jedhee Dhugaa Jirtu Himeefii jira. Guutuu Haasaha Obbo Hangaasaa Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment